+ -

عَنْ ثَوْبَانَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«أَفْضَلُ دِينَارٍ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ، دِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَى عِيَالِهِ، وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ الرَّجُلُ عَلَى دَابَّتِهِ فِي سَبِيلِ اللهِ، وَدِينَارٌ يُنْفِقُهُ عَلَى أَصْحَابِهِ فِي سَبِيلِ اللهِ» قَالَ أَبُو قِلَابَةَ: وَبَدَأَ بِالْعِيَالِ، ثُمَّ قَالَ أَبُو قِلَابَةَ: وَأَيُّ رَجُلٍ أَعْظَمُ أَجْرًا مِنْ رَجُلٍ يُنْفِقُ عَلَى عِيَالٍ صِغَارٍ، يُعِفُّهُمْ أَوْ يَنْفَعُهُمُ اللهُ بِهِ وَيُغْنِيهِمْ.

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 994]
المزيــد ...

Sawbaan irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Irra caalaan Diinaara namichi baasuu Diinaara maatii isaaf baasu, Diinaara namichi karaa Rabbii irratti yaabbii isaaf baasuu fi Diinaara karaa Rabbii keessatti hiriyyoota isaaf baasuudha» Abuu Qilaabaan akkas jedhe: maatiin jalqaban, Ergasii Abuu Qilaabaan akkas jedhe: Nama ijoollee xixiqqoo maatii isaa irratti qabeenya baasu, kan nama kadhachuu irraa tiksu, ykn kan Rabbiin isaan isaan fayyadee isaan duroomsu irra nama kamtu mindaa guddaa qaba?

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 994]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gosoota baasii ibsanii, karaan baasii itti baasan garmalee yoo baay’ate, akkaataa irra dirqamaatin ishee qindeessanii, wanta hunda caalaa barbaachisaa taʼee fi kan itti aanun jalqabaniiru. Qabeenyi mindaa baay’ee qabu isa Muslimni nama isa deeggaruun dirqama irratti ta’e kan akka haadha manaa fi ilmoo irratti baasuu akka ta’e himaniiru. Sana booda yaabbii karaa Rabbii irratti waraanaaf qophaa'ef baasii gochuudha. Ergasii warra karaa Rabbii irratti qabsaa'an hiriyyoota isaa irratti baasii gochuudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Baasii karaa armaan olitti ibsameen tartiibessuu fi yeroo wanti irratti baasii godhan baay'ate wantoota kanneen eeguun barbaachisaa akka ta'eedha.
  2. Baasii maatii ofiitif dursa kennuun namoota biroo caalaa sadarkaa akka qabu ibsuudha.
  3. Karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu irratti baasii baasuun irra caalaa baasii akka ta'eedha, sunis meeshaa fi namoota jihaadaaf akka qopheessuuti.
  4. Akkana jedhame: Karaa Rabbii jechuun wanta gocha Rabbiif ajajamuu hunda, fakkeenyaaf kan akka Hajjii gochuu.