+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«أَقْرَبُ مَا يَكُونُ الْعَبْدُ مِنْ رَبِّهِ وَهُوَ سَاجِدٌ، فَأَكْثِرُوا الدُّعَاءَ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 482]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akk odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti, kanaafuu kadhaa heddummeessaa''

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 482]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi Rabbii isaatti akkaan kan dhihaatu yeroo sujuuda keessa jirutti akka ta'e ibsan, kunis namni salaatu yeroo sujuudutti Rabbii injifatee guddateef bitamuu fi Isaaf of xinneessuu fi Isaaf gadi of qabuuf jecha irra olaanaa fi irra kabajamaa qaama isaa dachii irra waan kaa'uufi.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti sujuuda keessatti kadhaa heddummeessuutti ajajanii jiru, jechaa fi hojiin of gadi qabuutu sana keessatti wolitti qabama.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbii ol ta'eef ajajamuun Isatti dhiheenya gabrichaaf dabala.
  2. Sujuuda keessatti kadhaa heddummeessuun jaallatamaa ta'uu isaati, waan inni bakkoolee qeebaltii irraa ta'eef jecha.