+ -

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بنِ مَسْعُودٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لَيْسَ مِنَّا مَنْ لَطَمَ الخُدُودَ، وَشَقَّ الجُيُوبَ، وَدَعَا بِدَعْوَى الجَاهِلِيَّةِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1294]
المزيــد ...

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isa irratti haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1294]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- gocha ummanni bara Islaamummaa dura hoojjetan tokko tokko irraa dhoorganii akeekkachiisuun akkana jedhan: Nu irraa miti:
Tokkoffaan: Namni boqoo of rukute, boqoo adda baasee wanti dubbateef yeroo hedduu akkas waan godhamuuf jecha, yoo akkas hin jenne fuula hafe rukutuun dhoorgaa keessatti hammatama.
Inni lammafaa: sababa abdii murachuu garmaleetiin mataan itti seenuuf uffata cicciruudha.
Sadaffaan: nama Kadhannaa ummata bara Islaamummaa duraa kan akka kadhannaa wayyoo jechuu, badiinsa ofitti kadhachuu, nama du'eef sagalee olkaasanii boo’uu fi kkf kadhateedha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akeekkachiisni Hadiisicha keessa jiru kun gochoonni kunneen diliiwwan gurguddoo irraa ta'u agarsiisa.
  2. Balaa irratti obsa qabaachuun dirqama ta'uu fi murtiiwwan Rabbii kan laalessoo ta’an irratti dallananii, sana boo’ichaan, rifeensa haaddachuudhaan, ykn uffata ciruudhaan ykn karaa biraatiin agarsiisuun dhoorgaa ta'uudha.
  3. Dhimmoota seerri shari'aa hin raggaasifne hojjachuun ummata bara Islaamummaa duraa turanitti fakkaachuun dhoorgaa ta'uudha.
  4. Gadduu fi boo’uun qadara Rabbii ol ta'ee irratti obsuun waan wal hin faallessineef jecha rakkoo hin qabu, inumaa inni rahmata Rabbiin qalbii firootaa fi namoota jaallatan keessa kaaʼeedha.
  5. Muslimni murtii Rabbii jaalachuudha qaba, yoo hin jaalanne immoo obsi dirqama isaati.