1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa “Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”

عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لَا عَدْوَى، وَلَا طِيَرَةَ، وَيُعْجِبُنِي الْفَأْلُ» قَالَ قِيلَ: وَمَا الْفَأْلُ؟ قَالَ: «الْكَلِمَةُ الطَّيِّبَةُ».

Anas bin Maalik irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkas jedhan:
“Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 2224

Ibsa

Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, daddarbiinsa dhukkubaa kan ummanni bara Awaamummaa dhukkubni tokko fedha Rabbiitin osoo hin taane ofumaan gara nama biraatti akka daddarbu itti amanan sun soba ta’uu himani. Akkasumas Faana ilaallachuun soba akka ta'ees himaniiru, isheenis simbirroo, ykn wantoota lubbuu qaban, ykn namoota qaama miidhamtoota, ykn lakkoofsa, ykn guyyoota, ykn waan biraa irraa ta'ee waan dhaga'amu ykn mul'atu ta'us wahuma kamiinuu hoddachuudha. ٍِWanti simbirroo kaaseef, warra bara Awaamummaa biratti beekamaa waan ta'eef jecha, ka’umsi isaa immoo gocha akka imalaa ykn daldalaa ykn waan biraa yeroo jalqabuu jedhan simbirroo oofuudha. Yoo gara mirgaatti balali'e abdii guddaa horatee gara waan barbaaduu deema, yoo gara bitaatti balali'e immoo abdii kutatee waan hojjachuu fedhu san dhiisa. Eegasii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu tafaa'ula toluun akka itti tolu dubbatan. Innis gammachuu jecha gaarii dhaga’u irraa ilma namaatif argamu, yoo ta'u, Rabbii isaa waan gaariin akka yaadu isa taasisa.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Rabbii ol ta'e irratti hirkachuun akka dirqama ta'ee fi Rabbiin malee kan gaarii fidee hamtuu deebisu akka hin jerreedha.
  2. Faana ilaalachuu irraa dhoorguudha, innis waan abdii kutannaa namatti fiduu fi hojii nama dhorguudha.
  3. Tafaa'ula toluun faana ilaalachuu dhorgamaa ta'e irraa osoo hin taane, inni Rabbii ol ta'etti yaada toluu irraa akka ta'eedha.
  4. Wanti hundinuu kan ta’u murtoo Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne qofaani.

Hiikkaawwan dhiheessuu

58 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية