عن بريدة بن الحصيب رضي الله عنه أنه قال:
بَكِّرُوا بِصَلَاةِ الْعَصْرِ، فَإِنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «مَنْ تَرَكَ صَلَاةَ الْعَصْرِ فَقَدْ حَبِطَ عَمَلُهُ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 553]
المزيــد ...

Buraydaa ibnu Alhusayb irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Salaata asriitti daddafaa yeroon salaataa, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni salaata Asrii dhiise dhugaatti hojiin isaa jalaa bade».

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 553]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata Asrii yeroo isaa irraa beekaa tursiisuu irraa sodaachisani, namni sana hojjate hojiin isaa isa jalaa bada mindaa tokko malee akkasumatti isa jalaa hafa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Yeroo isaa jalqaba irratti salaata Asrii eeggachuu fi gara sanatti daddafuutti kakaasuutu keessa jira.
  2. Nama salaata Asrii dhiiseef dinniina jabaatu keessa jira, yeroo isii keessaa baasuun salaatota biroo yeroo isaanii keessaa baasuu irra jabaadha, isiin salaata giddu galeessa ta'uun jecha Rabbii ol ta'ee keessatti addatti dubbatameera: {Salaatowwan irratti keessattuu salaata giddu galeessa irratti tikfadhaa} [Al-Baqaraa: 238].
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)