عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بنِ مسعُودٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ:
ذُكِرَ عِنْدَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ رَجُلٌ نَامَ لَيْلَهُ حَتَّى أَصْبَحَ، قَالَ: «ذَاكَ رَجُلٌ بَالَ الشَّيْطَانُ فِي أُذُنَيْهِ، أَوْ قَالَ: فِي أُذُنِهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3270]
المزيــد ...

Abdullaah bin Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti namichi wahii kan halkan isaa guutuu hanga ganamatti rafe dubbatamee jennaan, akkana jedhan: «Suni nama gurra lamaan isaa keessatti sheyxaanni fincaa'e, ykn akkas jedhan: gurra isaa keessatti».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3270]

Ibsaa

Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti namichi wahii kan hanga ganama aduun baatutti rafee salaata diqaramaa raawwachuuf hin ka'in dubbatamee jennaan, isaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: "Inni nama sheyxaanni gurra isaa keessatti fincaa'eedha".

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaata halkanii ka'anii salaatuu dhabuun jibbamaa ta'uudha, sunis kan t'a'u sababaa sheyxaanatiin akka ta'eedha.
  2. Rabbii ol ta'eef akka hin ajajamne taasisuuf sheyxaana ilma namaatif daandii hunda irra taa'u irraa of eeggannoo gochuun akka barbaachisaa ta'eedha.
  3. Ibn Hajar akkan jedhe: jechi isaa: (Gama salaataa hin kaane) jedhu itti fedhamaan salaata gosa kamiyyuu ta’uu danda’a, akkasumas salaata beekamaa ta’uu danda’a, salaata halkaniis ta’ee ykn salaata dirqamaa.
  4. Xiibiin akkana jedhe: osoo ijji hirribaan wal qabattee jirtuu gurra addatti wanti dubbateef hirribni ulfaataa ta'uu akeekuufi, Gurri qaama xiyyeeffannaan ittiin godhamuudha. Addatti fincaan wanti kaasef; waan inni gara keessotti ga'uuf irra laafaa ta'ee fi ujummoolee dhiigaa keessa dafee yaa'uf jecha, sababaa kanaatin qaamota hunda keessatti ceem'aa nama dhaalchisa.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (49)