+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ:
كَانَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَدْعُو وَيَقُولُ: «اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ عَذَابِ القَبْرِ، وَمِنْ عَذَابِ النَّارِ، وَمِنْ فِتْنَةِ المَحْيَا وَالمَمَاتِ، وَمِنْ فِتْنَةِ المَسِيحِ الدَّجَّالِ». وفِي لَفْظٍ لِمُسْلِمٍ: «إِذَا فَرَغَ أَحَدُكُمْ مِنَ التَّشَهُّدِ الْآخِرِ، فَلْيَتَعَوَّذْ بِاللهِ مِنْ أَرْبَعٍ: مِنْ عَذَابِ جَهَنَّمَ، وَمِنْ عَذَابِ الْقَبْرِ، وَمِنْ فِتْنَةِ الْمَحْيَا وَالْمَمَاتِ، وَمِنْ شَرِّ الْمَسِيحِ الدَّجَّالِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1377]
المزيــد ...

Abuu Hureeyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii kadhataa turan: "Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha”. jecha biroo kan Muslim keessatti: "Tokkoon keessan tashahhuda yeroo xumuretti (tashahhuda xumuree osoo salaamtaa hin jenne jechuudha) waan afur irraa Rabbitti haa maganfatu: Adabbii Jahannam, adabbii qabrii, rakkina jireenyaa, rakkina du'aati fi qorumsa masiih addajjaal irraa".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1377]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti tashahhuda xumuraa boodaa fi salaamtaa duratti waa afur irraa kan Rabbitti majanfatan ta'an, akkasumas wantoota afran san irraa Rabbitti majanfatutti nu ajajan,
Tokkoffaan: Azaaba qabrii irraayi.
Lammaffaan: Azaaba ibiddaa irraayi, sun immoo guyyaa qiyaamatti.
Sadaffaan: Rakkina jireenyaa kan akka fedhiiwwan addunyaa tan haraamatii fi shakkiilee ishee kan nama jallisan irraa majanfachuudha, akkasumas Rakkina du'aa kan yeroo duuti namatti dhufe irraa majanfachuudha, sun akka Islaamummaa yookaan sunnaa irraa jallachuuti, yookaan rakkina qabrii kan akka gaaffii Nakiiri fi Munkariiti.
Afraffaan: Qormaata masiih addajjaal kan dhuma addunyaa keessatti bahee Rabbiin isaan gabroota Isaa mokkoruudha, addatti wanni isa dubbataniif waan qormaanni isaatii fi jallisiinsi isaa guddaa ta'eef jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Majanfannaan kun du'aa'iiwwan akkaan babaachisoo ta'an kan of keessatti waan hedduu qabatan keessaa isa tokkoodha, sababni isaas waan rakkinoowwan Addunyaa fi Aakhiraa irraa majanfachuu hammateef jecha.
  2. Azaabni qabrii mirkanaa'uu fi dhugaa ta’uudha.
  3. Fitnaan balaa guddaa qabaachuu fi isirraa nagaa ta'uuf Rabbiin gargaarsichuu fi du'aa'ii godhachuun barbaachisaa ta'uudha.
  4. Xumura addunyatti bahiinsa Dajjaal raggaasisuu fi mokkorri isaa guddaa ta'uu ibsuu ibsuudha.
  5. Du'aa'iin kun booda tashahhuda xumuraatti barbaachisaa ta'uudha.
  6. Booda hojii gaariitii du'aa'ii godhachuun barbaachisaa ta'uudha.