+ -

عَنْ عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ أَبِي لَيْلَى قَالَ: لَقِيَنِي كَعْبُ بْنُ عُجْرَةَ، فَقَالَ: أَلاَ أُهْدِي لَكَ هَدِيَّةً؟
إِنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ خَرَجَ عَلَيْنَا، فَقُلْنَا: يَا رَسُولَ اللَّهِ، قَدْ عَلِمْنَا كَيْفَ نُسَلِّمُ عَلَيْكَ، فَكَيْفَ نُصَلِّي عَلَيْكَ؟ قَالَ: «فَقُولُوا: اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، اللَّهُمَّ بَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا بَارَكْتَ عَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6357]
المزيــد ...

Abdurrahmaan ilma Abbaa leylaa irraa odeeffamee akkana jedhe: Ka’ab ilmi Ujraa na qunnamee akkana jedhe: kennaa tokko siif hin kennuu?
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: "Akkana jedhaa: Yaa Rabbi Muhaammadii fi maatii Muhammad irratti rahmta buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti rahmata buuftetti, dhugumatti Ati Faarfamaa, guddaadha, yaa Rabbii Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti, dhugumatti Ati faarfamaa, guddaadha.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6357]

Ibsaa

Sahaabonni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkaataa rahmata isaan irratti itti buusan irraa gaafatan. sun eega Attahiyyaata keessatti akkaataa nagaa isaan irratti itti buusan baranii booda: “Assalaamu Aleyka Ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhu...”? jechuunisa: "yaa Nabiyyichaa! nageenyi sirratti haa jiraatu, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu...". Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkamitti rahmata akka isaan irratti buusan isaanif himani, hiikni isiis: "Allaahumma salli alaa Muhammad wa alaa ali Muhammad" "Yaa Rabbi Muhaammadii fi maatii Muhammad irratti rahmata buusi". Jechuunis: Ummata ol’aanaa biratti jecha bareedadhaan isaan faarsi, akkasumas amantii isaanii keessatti warra isaan hordofanii fi maatii isaanii irraa warra amananis ummata ol'aanaa biratti jecha bareedadhaan isaan faarsi. "Akkuma maatii Ibrahiim irratti rahmata buuftetti". Akkuma maatii Ibraahim -nageenyi isa irratti haa jiraatu- irratti rahmata buusuun tola ooltetti, isaanis: Ibraahiim, Ismaa'iil, Ishaaq, hortee isaanitii fi hordoftoota isaanii mu'umintoota, Muhammadittis tola kee dhaqqabsiisi nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu. "Ati Faarfamaa, guddaadha" Jechuunis: Ati zaata kee, sifaata keeti fi gochoota kee keessatti faarfamaadha, guddina kee, aangoo keeti fi kennaa kee keessatti bal’aadha jechuudha. “Yaa Rabbii akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi" Jechuunis: kheyri fi karaamaa irraa irra guddaa isii kenniif, itti dabaliif, irrattis tursiisi jechuudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Warri duraa dhimma beekumsaa irratti kennaa walii kennaa turan.
  2. Tashaahhuda salaataa isa dhumaa keessatti Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- salawaata buusuun dirqama ta'uudha.
  3. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sahaabota isaanii akkaataa nagaa fi rahmata isaan irratti itti buusan barsiisaniiru.
  4. Rahmata Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- buusuu keessatti bifti kun bifa hunda caalaa guutuu ta’eedha.