1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu

عَنْ حَارِثَةَ بْنِ وَهْبٍ الخُزَاعِيِّ رضي الله عنه قَالَ: سَمِعْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«أَلاَ أُخْبِرُكُمْ بِأَهْلِ الجَنَّةِ؟ كُلُّ ضَعِيفٍ مُتَضَعِّفٍ، لَوْ أَقْسَمَ عَلَى اللَّهِ لَأَبَرَّهُ، أَلاَ أُخْبِرُكُمْ بِأَهْلِ النَّارِ: كُلُّ عُتُلٍّ جَوَّاظٍ مُسْتَكْبِرٍ».

Haarisaa bin Wahb Al-Khuza’ii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Warra Jannataa isinitti hin himuu? Nama of gadi qabu kan namni isa tuffatu hunda, osoo Rabbiin irratti kakatee Rabbiin kaka isaa sana isaaf guuta. Warra ibiddaa isiniitti himuu? nama safuu hin qabne, kan of tuulu, kan haqa diduun boonu».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 4918

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- tokko tokkoo amaloota warra jannataa fi warra hbiddaa himan.
Irra baay'een warra jannataa isaan: "Hunda nama of gadi qabaa ta'ee kan namni isa tuffatuuti, jechuun: nama Rabbii ol ta'eef gad of qabu, kan isaaf lubbuu isaa xiqqeessu jechuudha, hamma namoonni tokko tokko nama laafatti isa ilaalanii isa tuffatan tokkotti, namichi Rabbii ol ta'eef of xiqqeessaa ta'e kun osoo Rabbirratti arjummaa isaa kajeelaa haala ta'een kakuu tokko kakatee Rabbiin kaka sana isaaf guutee waan inni irratti kakate sana bakkaan isaaf gaya, akkasumas du'aa'ii isaa qeebaluun waan inni barbaade isaaf kenna ture.
Irra baay'een warra jahannam isaan: "Hunda nama utullii ta'eeti" inni nama jabeenya qalbii qabu kan mormii jabaatuudha, ykn nama safuu hin qabne kan kheyrii waan jedhamu hin beekneedha, akkasumas hunda nama "Jawwaaz" ta'eeti, inni nama boonu, kan akka malee nyaatu, kan qaaman furdaa ta'e, kan deemsa isaa keessatti of tuulaa deemu, kan amala badaa qabuudha, amala badaa kan qabuudha, akkasumas hunda nama "Mustakbir" ta'eeti, inni nama haqa diduu fi nama biroo tuffatuun boonuudha.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Amaloota warra jannataa qabaachuu irratti kakaasuu fi amaloota warra ibiddaa irraa sodaachisuudha.
  2. Gad of qabuun Rabbii ol ta'eef ta'a, ajaja isaa fudhachuun, dhoorgaa isaa irraa fagaachuun, uumamaaf gad of qabuun immoo Isaanitti of tuuluu dhiisuudhaan ta'a.
  3. Ibnu Hajar akkana jedhe: wanni itti fedhame irra hedduun warra jannataa namoota akkanaa kana jechuudha, akka irra hedduun warra ibiddaa namoota akkasii sana ta'etti, akkana jechuudha malee guutumaa guututti warri jannataa fi warri ibiddaa isaannan dubbataman kana qofa jechuu miti.

Hiikkaawwan dhiheessuu

51 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية