+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«أَلَا أَدُلُّكُمْ عَلَى مَا يَمْحُو اللهُ بِهِ الْخَطَايَا، وَيَرْفَعُ بِهِ الدَّرَجَاتِ؟» قَالُوا بَلَى يَا رَسُولَ اللهِ قَالَ: «إِسْبَاغُ الْوُضُوءِ عَلَى الْمَكَارِهِ، وَكَثْرَةُ الْخُطَا إِلَى الْمَسَاجِدِ، وَانْتِظَارُ الصَّلَاةِ بَعْدَ الصَّلَاةِ، فَذَلِكُمُ الرِّبَاطُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 251]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Waan Rabbiin diliiwwan isaan haqee sadarkaalee isaan ol kaasutti isin qajeelchuu?» ni jedhan: Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii, isaanis ni jedhan: «wuduu’a osoo namatti jabaatuu waliin gahuun raawwachuu, gara masjiidotaatti tarkaanfii baay'isuu fi salaata booda salaata biraa eeggachuu, suni hidhannaa cimaa».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 251]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- hojiilee diliiwwaniif araarama argachuu fi kitaabban tiksitootaa irraa haqamuu isheeti fi sadarkaaleen jannata keessatti ol ka'uuf sababaa tahan irratti isaan qajeelchuu akka barbaadan sahaabota isaanii gaafatan?
Sahaabonni akkana jedhan: Eeyyee, nuti akkas barbaanna. isaanis ni jedhan:
Inni jalqabaa: Rakkina akka qorraa, hanqina bishaan, dhukkubbii qaamaa fi bishaan hoo'aa ta'uu waliin wuduu’a guutanii raawwachuudha.
Lammaffaan: Manni irraa fagaatuu waliin gara masjidaatti tarkaanfii heddummeessuudha.
Sadaffaan: Yeroo salaataa eeggachuu, qalbii itti rarra'uu, itti of qopheessuu fi masjiida keessa jamaa’aa eeggachuuf taa'uudha, Yeroo salaata raawwate hanga salaanni biraa dhuftutti bakka itti salaate san tura.
Sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhimmoonni kun dubbii hidhannaa dhugaa ta’uu ibsan; sababni isaas karaawwan sheyxaanaa nafsiyyaa irraa waan cuftee, fedhii ishee waan gad qabdee, waswaasa qeebaluu irraa waan ishee dhoorgituuf jecha, kanaani ummatni Rabbii waraana sheyxaanaa injifata; kun jihaada guddaadha, sababaa kanaan sadarkaa hidhannaa eddoo diinaa irratti taate.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barbaachisummaa salaata jamaa’aa masjiida keessatti eeggachuuti fi salaataaf xiyyeeffannaa kennuu fi irraa shaagaluu dhabuuti.
  2. Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- dhiheessii gaarii dhiyeessanii sahaaboota isaanii hawwisiisuudha, sunis bifa gaafitiin mindaa guddaan eegaluuni, kunis mala baruu fi barsiisuu keessaa isa tokkoodha.
  3. Faayidaa dhimmicha bifa gaaffii fi deebitiin dhiyeessuu: Haasaan sun caalaatti akka qabamu gochuudha, sababaa dhoksanii eegasii ibsuutin.
  4. Al-Nawawiin, Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu, akkana jedhe: Sun hidhannaadha, jechuun: Hidhaa barbaachisaa ta'eedha, ka’umsi hidhaa immoo waan tokkotti hidhuudha, akka waan lubbuu isaa Rabbiif ajajamuu irratti hidheeti. Akkas jedhame: inni irra caalaa hidhannaati, Akkuma jedhame: qabsoon qabsoo lubbuu ofiitin waliin godhan, inni hidhannaa laafaa mijjataa ta'eedha, jechuun: inni gosoota hidhannaa keessaa isa tokko jechuudha.
  5. Jechi “Ribaax” jedhu (al)iin waa beeksiftu irratti galuun wajjiin deddeebi'eera; sunis dhimma gochoota kanneenii guddisuuf jecha.