+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«مَنْ أَنْظَرَ مُعْسِرًا، أَوْ وَضَعَ لَهُ، أَظَلَّهُ اللهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ تَحْتَ ظِلِّ عَرْشِهِ يَوْمَ لَا ظِلَّ إِلَّا ظِلُّهُ».

[صحيح] - [رواه الترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 1306]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa".

[sirrii] - [tirmizii odeesse - ahmad odeesse] - [sunana tarmizii - 1306]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageeya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni nama rakkataa waa liqeeffatee yeroo kennee fii isa eeggate yookaan liqaa isaa sana irraa isaaf waa buuse, mindaan isaa: guyyaa qiyaamaa gaafa aduun mataa gabrootaatti dhihaattee gubaan isaanitti jabaattutti dhugumatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jalatti isaaf gaaddiddeessa, Nama Rabbiin isaaf gaaddiddeesse malee namni tokkooyyuu gaaddisa argachuu hin danda'u.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa gabroottan Rabbii ol ta'eetti laaffisuun qabuudha, dhugumatti inni sababoowwan rakkoo guyyaa qiyaamaa jalaa najaa nama baasan irraayi.
  2. Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.