+ -

عَنِ أبي زُهير عُمَارَةَ بْنِ رُؤَيْبَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صلى الله عليه وسلم:
«لَنْ يَلِجَ النَّارَ أَحَدٌ صَلَّى قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ غُرُوبِهَا»

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 634]
المزيــد ...

Abu Zuheyr Umaaraa bin Ru'eybaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni osoo aduun hin ba’inii fi osoo aduun hin lixin salaate ibidda jahannam hin seenu».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 634]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jechuudha himan : Namni salaata subhii fi salaata asrii salaatee, san irratti tikfate ibidda hin seenu, salaata lamaan kanneen wanti adda baasaniif; isaan lamaan salaata hunda caalaa waan ulfaatoo ta’aniif jecha, akkasumas yeroon salaata subhii yeroo hirribni mi'aawu keessatti dhufa, yeroon salaata asrii immoo yeroo namni hojiilee adda addaa fi daldala guyyaa irratti bobba'u keessatti ta'a. Namni rakkina waliin salaata lamaan kanneen irratti tikfite, salaatowwan hafan irratti tikfachuun isaaf salphaadha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa salaata subhii fi asriiti, salaata kanneen yeroon eeggatanii salaatuun barbaachisaa dha.
  2. Namni salaata kanneen salaatu yeroo baay’ee dadhabbii fi fakkeessummaa irraa bilisa ta’ee ibaadaa jaallata.