+ -

عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما قَالَ:
كَانَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَجْوَدَ النَّاسِ، وَكَانَ أَجْوَدُ مَا يَكُونُ فِي رَمَضَانَ حِينَ يَلْقَاهُ جِبْرِيلُ، وَكَانَ يَلْقَاهُ فِي كُلِّ لَيْلَةٍ مِنْ رَمَضَانَ فَيُدَارِسُهُ القُرْآنَ، فَلَرَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَجْوَدُ بِالخَيْرِ مِنَ الرِّيحِ المُرْسَلَةِ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra arjaa namaa turani, yeroon isaan itti irra arjaa ta'an immoo Ramadaana keessa yeroo Jibriil isaaniin wol ga'u ture Jibriil halkan Ramadaanaa hunda isaaniin wol ga'ee Qur'aana isaanii woliin qara'a ture, kanaaf Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- toltuu irratti qilleensa gadhiifamte irra arjaa turani.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- arjummaa keessatti irra caalaa namaa turani, arjummaan isaanii immoo baatii Ramadaanaa keessa heddummaata ture, waan barbaachisu nama barbaachisuuf kennaa turani, sababaan arjummaan isaanii dabaleef immoo waa lamaafi:
Inni jalqabaa: Jibriiliin -nageenyi isa irra haa jiraatu- wol ga'uu isaaniiti.
Sababaan lammaffaan immoo: Qur'aana woliin qara'uu isaaniiti, inni qoma irraa qara'uudha.
Jibriil hunda Qur'aana buufamee isaanii woliin qara'a ture, kanaaf Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qilleensa bareedduu isii Rabbiin roobaa fi rahmataan ergu caalaa arjaadha, kennaa fi hojii toltuu akkaan heddummeessaa fi namootaaf daddafanii qaqqabaadha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Arjummaa bal'aa nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qaban ibsuudha, keessattuu Ramadaana baatii ibaadaa fi arfaasaa toltuu ta'e keessatti.
  2. Yeroo hunda arjummaatti kakaasuutu keessa jira, baatii Ramadaanaa keessa immoo dabaluutu jaallatamaa ta'a.
  3. Baatii Ramadaanaa keessa kenna, tola ooltummaa fi Qur'aana qara'uu heddummeessuudha.
  4. Sababaa ittiin beekumsa qomatti qabatan keessaa barattootaa fi beektotaa woliin qayyabachuudha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani