عَن عبدِ اللهِ بن خُبَيب رضي الله عنه أنه قال:
خَرَجْنَا فِي لَيْلَةٍ مَطِيرَةٍ وَظُلْمَةٍ شَدِيدَةٍ، نَطْلُبُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ؛ يُصَلِّي لَنَا، قَالَ: فَأَدْرَكْتُهُ، فَقَالَ: «قُلْ»، فَلَمْ أَقُلْ شَيْئًا، ثُمَّ قَالَ: «قُلْ»، فَلَمْ أَقُلْ شَيْئًا، قَالَ: «قُلْ»، فَقُلْتُ: مَا أَقُولُ؟ قَالَ: «{قُلْ هُوَ اللهُ أَحَدٌ} وَالْمُعَوِّذَتَيْنِ حِينَ تُمْسِي وَتُصْبِحُ ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، تَكْفِيكَ مِنْ كُلِّ شَيْءٍ».
[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي] - [سنن الترمذي: 3575]
المزيــد ...
Abdullah bin Khubayb irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra jiraatu- akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haala taanen baane, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".
[sirrii] - [abuu daawud, tirmizii, nasa'iin odeessan] - [sunana tarmizii - 3575]
Sahaabaan guddichi Abdullah bin Khubayb, Rabbiin irraa haa jaalatu, akkana jechuun gabaase: Halkan rooba baay’ee fi dukkana cimaa keessa, Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akka isaan salaachisaniif barbaaduuf ba’an,isaanis isaan argatan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: "Jedhi", jechuunis qara'i(dubbisi) jechuudha, garuu inni homaa hin dubbisne, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- irra deebi'anii dubbisi jedhaniin, Abdullaahis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii maalin dubbisa? Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Suuraa Al-Ikhlaas {Jedhi Inni Rabbii Tokkicha} fi suuraa lamaan mu'awwizateynii{Jedhi ani Rabbii bariititti maganfadha} fi { Jedhi ani Gooftaa namootatti maganfadha}, yeroo galgalaa fi ganamaa, yeroo sadii yoo jette, isaan hamtuu fi balaa hinda irraa si eegan.