عَنْ عَلِيٍّ رضي الله عنه:
أَنَّ فَاطِمَةَ رَضيَ اللهُ عنْها أَتَتِ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ تَشْكُو إِلَيْهِ مَا تَلْقَى فِي يَدِهَا مِنَ الرَّحَى، وَبَلَغَهَا أَنَّهُ جَاءَهُ رَقِيقٌ، فَلَمْ تُصَادِفْهُ، فَذَكَرَتْ ذَلِكَ لِعَائِشَةَ، فَلَمَّا جَاءَ أَخْبَرَتْهُ عَائِشَةُ، قَالَ: فَجَاءَنَا وَقَدْ أَخَذْنَا مَضَاجِعَنَا، فَذَهَبْنَا نَقُومُ، فَقَالَ: «عَلَى مَكَانِكُمَا» فَجَاءَ فَقَعَدَ بَيْنِي وَبَيْنَهَا، حَتَّى وَجَدْتُ بَرْدَ قَدَمَيْهِ عَلَى بَطْنِي، فَقَالَ: «أَلاَ أَدُلُّكُمَا عَلَى خَيْرٍ مِمَّا سَأَلْتُمَا؟ إِذَا أَخَذْتُمَا مَضَاجِعَكُمَا -أَوْ أَوَيْتُمَا إِلَى فِرَاشِكُمَا- فَسَبِّحَا ثَلاَثًا وَثَلاَثِينَ، وَاحْمَدَا ثَلاَثًا وَثَلاَثِينَ، وَكَبِّرَا أَرْبَعًا وَثَلاَثِينَ، فَهُوَ خَيْرٌ لَكُمَا مِنْ خَادِمٍ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5361]
المزيــد ...
Aliyyiin irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa iraa haa jaallatu-
Faaximaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- sababaa dhagaa waa ittiin daaktuutiin dhukkubbii harka isiitti dhaga'amu itti himachuuf jecha gara nabiyyitti dhufte -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan dhuftes akka garbichi isaaniif dhufe isii qaqqabeeti, garuu dhuftee waan isaan argachuu hin danda'iniif, waan ta'e sana Aa'ishaatti himte, isiinis yeroo isaan dhufanitti isaanitti himte, Aliyyiin akkana jedhe: nuhii bakka hirriibaa qabatee hirriibaaf qophaa'e nutti dhufanii, isaaniif dhaabbachuuf jennaan, «Bakka keessanii hin sochoo'inaa» jechuun nu bira dhufanii gidduu kootii fi gidduu isii taa'ani, hanga qabbanni faana isaanii lameenii garaa koo irratti natti dhaga'amutti, eegasii akkas jedhani: «waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa keessanii qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5361]
Faaximaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- intalti nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sababaa dhagaa ittiin waa daaktuutiin dhukkubbii harka isiitti dhaga'mu nabiyyiitti himatte -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo boojuun gara nabiyyii dhufetti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- boojuu kana keessaa khaadima gaafachuuf jecha gara isaaniitti dhufte; hojii mana keessaa isii irraa bakka bu'ee akka hojjatuuf jecha, haa ta'u malee manatti isaan argachuu hin dandeenye, Aa'ishaa argattee -Rabbiin isii irraa haa jaallatuu- waa'ee sanaa isiitti himte, Aa'ishaanis yeroo nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara manaatti deebi'anitti faaximaan khaadima isaan gaafachuuf jecha akka dhuftee turte isaanitti himte, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanii hirribaaf qophaa'aa jiruu gara mana faaximaa fi aliyyiitti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- deemuun, gidduu isaanii taa'ani hanga qabbanni faana lamaan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garaa aliyyiitti beekame tokkotti, eegasii akkas jedhaniin: khaadiman isiniif kennuu na gaafattan irra waan caalaa ta'etti isin akeekuu? isaanis, eeyyen, nu akeeki jedhani, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: yeroo hirribaaf jecha halkan bakka ciisichaa keessan qabattan, yeroo soddomii afur ''Allaahu Akbar" jechuun Rabbiin guddisaa, akkasuma yeroo soddomii sadi "Subhaana Allaah" jechuun Rabbiin qulqulleessaa, akkasuma yeroo soddomii sadi "Alhamdulillaah" jechuun Rabbiin faarsaa; zikriin kun khaadima irra isiiniif caalaadha.