+ -

عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما قَالَ: كَانَ مِنْ دُعَاءِ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«اللهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ زَوَالِ نِعْمَتِكَ، وَتَحَوُّلِ عَافِيَتِكَ، وَفُجَاءَةِ نِقْمَتِكَ، وَجَمِيعِ سَخَطِكَ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2739]
المزيــد ...

Abdullaah bin Umar irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Du'aa'ii Ergamaa Rabbii keessaa tokko kana ture, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu:
«Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan geeddaramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2739]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan afur irraa maganfatan:
Inni duraa: (Yaa Rabbi baduu qananii kee irraa sitti maganfadha) kan amantii fi kan addunyaa, akkasumas Islaamummaa irratti ragga'ee, dilii qananii nama irraa ooftu keessatti kufuu irraa fagaachuu si kadhadha.
Inni lammaffaan: (fayyaan geeddaramuu) gara balaatti ishee jijjiiruu irraa sitti maganfadha; Fayyaa itti fufiinsa qabuu fi dhukkubbii fi dhukkuboota adda addaa irraa nagaa ta'uu si kadhadha.
Sadaffaa: (balaa tasaa irraa) dhiphina ykn balaa garagaraa irraa sitti maganfadha, balaan akkasii sun tasa yoo dhufte, yeroon tawbaa fi sirreeffamaaf qophaa'an hin jiru, haala kanatti immoo balaan sun daran cimaa fi irra hamaa ta’a.
Afraffaa: (dallansuu kee hundumaa) fi sababoota dheekkamsa kee fidan irraa sitti maganfadha; namni ati itti dallante badee hoongahe.
Ergamaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jecha dachaa waa hunda walittii qabatu fayyadaman; jechoota, gochoota fi amantiilee irraa sababoota dheekkamsa Isaa -Inni qulqullaa'e ol ta'e- hunda akka hammatuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gara Rabbii ol ta'etii haajamaniidha.
  2. Maganfachuun barakaa kun wantoota akka: qananiif galata galchuu irratti milkaa’ina argachuu fi qananii waan nama irraa deemsisuuf jecha dilii keessatti akka hin kufne eegumsa qabaachuu of keessatti hammateera.
  3. Eddoo Rabbiin itti dallanu irraa fagaachuu irratti bololuudha.
  4. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dheekkamsi Rabbii ol ta'ee akka tasa itti hin dhufne maganfatan: Sababni isaas Rabbiin yoo gabricha irraa haaloo ba’e balaa inni ofirraa deebisuu hin dandeenye, akkasumas osoo hundi isaanii walitti qabamanillee kan uumamtoota hafaniin isa deebisuun hin danda'amne dhugumatti irra kaaya.
  5. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fayyaan Rabbiin ol ta'e isaanif kenne akka gara waan biratti hin jijjiiramne maganfatan; Sababni isaas, Rabbiin fayyaa yoo namaaf kenne, namni sun dhugumatti kheyrii ganda lameenii argateera, yoo fayyaan irraa fuudhamte immoo dhugumatti sharriin ganda lameenii isa mudateera, fayyaan tolina diini fi duuniyaa waan ta'eef jecha.