عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤْمِنينَ رضي الله عنها أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَلَّمَهَا هَذَا الدُّعَاءَ:
«اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ مِنْ الْخَيْرِ كُلِّهِ، عَاجِلِهِ وَآجِلِهِ، مَا عَلِمْتُ مِنْهُ وَمَا لَمْ أَعْلَمْ، وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ الشَّرِّ كُلِّهِ، عَاجِلِهِ وَآجِلِهِ، مَا عَلِمْتُ مِنْهُ وَمَا لَمْ أَعْلَمْ، اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ مِنْ خَيْرِ مَا سَأَلَكَ عَبْدُكَ وَنَبِيُّكَ، وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّ مَا عَاذَ بِهِ عَبْدُكَ وَنَبِيُّكَ، اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ الْجَنَّةَ، وَمَا قَرَّبَ إِلَيْهَا مِنْ قَوْلٍ أَوْ عَمَلٍ، وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ النَّارِ، وَمَا قَرَّبَ إِلَيْهَا مِنْ قَوْلٍ أَوْ عَمَلٍ، وَأَسْأَلُكَ أَنْ تَجْعَلَ كُلَّ قَضَاءٍ قَضَيْتَهُ لِي خَيْرًا».
[صحيح] - [رواه ابن ماجه وأحمد] - [سنن ابن ماجه: 3846]
المزيــد ...
Aa'ishaa, Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii kana isii barsiisan:
«Yaa Rabbi kheyrii hunda si kadhadha, ariifataa fi harkifataa isaa, waan ani beekuf hin beeknes, badii hundumaa irraa sitti maganfadha, ariifataa fi harkifataa isaa,waan ani beekuf hin beeknes, Yaa Rabbi gaarii waan gabrichi kee fi Nabiyyiin kee si kadhatan si kadhadha, hamtuu gabrichi kee fi Nabiyyiin kee irraa maganfatan irraa sitti maganfadha, Yaa Rabbii jannataa fi jecha ykn gocha irraa waan gara isitti na dhiheessu si kadhadha, Ibiddaa fi jecha ykn gocha irraa waan gara isitti na dhiheessu irraa sitti maganfadha, Murtoo naaf murteessitu hunda akka gaarii gootu si kadhadha».
[sirrii] - - [sunana ibnu maajah - 3846]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Aa'ishaa, Rabbiin ishee irraa haa jaallatu, kadhannaa waliigalaa afur barsiisan:
Inni jalqabaa: waan gaarii hundaaf du'aa'ii waliigalaati: (Yaa Rabbi waan gaarii hunda si kadhadha) (ariifataa isaa) kan yeroo dhiyotti ta'uu fi (boodatti harkifataa isaa) kan yeroo fagootti dhufu si kadhadha, (waan isa baradhe) kan ati na barsiifte fi (waan ani hin beekin) waan beekumsa kee keessa jiru irraa, Ati qulqulloofte. Isa keessatti Raabbii isa Hundumaa beeku, isa gara laafessa ta'etti dhimma ofi hirkifachuutu jira.
Du'aa'iin lammaffaa: Inni Muslima kadhannaa keessatti daangaa darabuu irraa eeguudha, (Yaa Rabbi si kakadha) si gaafadha, (Waan gabrichi kee fi Nabiyiin kee si gaafate) nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu,(sitti maganfadha) sitti dheessa kooluu gala, (Badii gabrichi kee fi Nabiyyiin kee irraa sitti maganfate irraa) nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, kun du'aa'ii fi gaaffii Rabbiin waan Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- isa kadhatan irraa akka kadhataaf kennuuf ta'eedha, osoo waan isaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kadhatan hin lakkaa'in.
Du'aa'iin sadaffaa: Jannata seenuu fi ibidda irraa fagaachuu gaafachuu yoo ta'u, inni fedhii Muslima hundaafi galma hojii isaati: (Yaa Rabbi jannata si kadhadha) ittiin milkaa'uu fi (jecha ykn gocha irraa ta'ee waan itti dhiheessu) kan jaalachiisu kamiyyuu si kadhadha, (ibidda irraa sitti maganfadha) rahmata keetiin yoo tahe malee akka hojii fokkisaa fi badaa keennaatin nagaa irraa bahuun hin jiru, (akkasumas jecha ykn gocha irraa ta'ee waan itti dhiheessu irraas sitti maganfadha) badiiwwan si dallansiisan irraa.
Du'aa'iin afraffaa: waan Rabbi murteesse jaalachuu kadhachuudha, (Murte ati naaf murteessite hundumaas akka gaarii naaf gootu si gaafadha) Dhimma Rabbi naaf murteesse hundumaas, gaarii naaf godhu kadhadha, kun waan Rabbiin murteesse jaalachuu kadhachuu irraayi.