+ -

عَنِ ابنِ عُمَرَ رضي الله عنهما قَالَ:
لَمْ يَكُنْ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَدَعُ هَؤُلَاءِ الدَّعَوَاتِ، حِينَ يُمْسِي وَحِينَ يُصْبِحُ: «اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ الْعَافِيَةَ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ الْعَفْوَ وَالْعَافِيَةَ فِي دِينِي وَدُنْيَايَ وَأَهْلِي وَمَالِي، اللَّهُمَّ اسْتُرْ عَوْرَتِي -أَو: عَوْرَاتِي- وَآمِنْ رَوْعَاتِي، اللَّهُمَّ احْفَظْنِي مِنْ بَيْنِ يَدَيَّ، وَمِنْ خَلْفِي، وَعَنْ يَمِينِي، وَعَنْ شِمَالِي، وَمِنْ فَوْقِي، وَأَعُوذُ بِعَظَمَتِكَ أَنْ أُغْتَالَ مِنْ تَحْتِي».

[صحيح] - [رواه أبو داود والنسائي وابن ماجه وأحمد] - [سنن أبي داود: 5074]
المزيــد ...

Ibnu Umar irraa odeeffame -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- galgalaa fi ganama du'aa'iilee kanneen hin dhiisan ture: «Yaa Rabbi addunyaa fi aakhirattis fayyaa si kadhadha, Yaa Rabbi dhiifamaa fi fayyaa Amantii koo, addunyaa koo, maatii koo fi qabeenya koo keessatti si kadhadha, yaa Rabbi eybii koo naa sattari, sodaa irraa bilisa na baasi, Yaa Rabbi dura koo, duuba koo, mirga koo, bitaa koo fi gubbaa koo na tiksi, bakka ani hin beekne irraa balaa natti dhufu irraan sitti maganfadha».

[sirrii] - [abuudaawud, nasaii, ibnumaajahfii ahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 5074]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'iilee kanneen galgalaa fi ganama hin dhiisan ture:
(Yaa Rabbi fayyaa si kadhadha) dhukkuba, gidiraa fi rakkina addunyaa, fedhii garagaraa fi qorumsa amantii (addunyaa fi aakhiratti) waan ammaa fi yeroo fuulduratti dhufu irraa nagaa ta'uu si kadhadha.
(Yaa Rabbi dhiifama si kadhadha) dilii haquu fi irra darbuus (Fayyaas) mudaa hunda irraa nagaa ta'uu si kadhadha, (amantii koo keessatti) shirkii, bid'aa fi badii adda addaa irraa nagaa ta'uu, (addunyaa koo keessatti) balaa, miidhaa fi hammeenya hunda irraa nagaa ta'uu, (maatii koo) haadha manaa koo, ijoollee koo fi firoottan koo keessatti nagaa ta'uu, (Qabeenya koo) fi dalagaa koo keessattis nagaa ta'uu si kadhadha.
(Yaa Rabbi eybii koo naa dhoksi) mudaa fi hanqina natti jiru hundaas, badiilee koo narraa haqi, (sodaa koo irraa bilisa na godhi) naasuu koo fi waan sodaa natti ta'u hunda irraa nagaa na godhi.
(Yaa Rabbi na eegi) miidhaa garaagaraa fi waan nama cinqu narraa deebisi, (fuuldura koo, duuba koo, mirga koo, bitaa koo, fi gubbaa koo na tiksi) Rabbiin gama hundaan akka isaan eegu gaafatan; Sababni isaas balaa fi rakkoon garaagaraa kallattiilee kanneenin waan ilma namaa mudatuu danda'aniif jecha.
(Balaan tasaa natti dhufuu irraa guddina keetin sitti maganfadha) akkasumas tasa qabamee osoo hin beekin baduu irraas, (na jala irraa) dachiin naan kutamtee baduu irraas sitti maganfadha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rasuulatti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hidhachuuf jecha Jechoota kanneen irratti tikfachuun barbaachisaa ta'uudha.
  2. Akkuma namni tokko amantii keessatti Rabbiin fayyaa akka kadhatu ajajame, addunyaa keessattis akka fayyaa kadhatu ajajamee jira.
  3. Zikrii ganamaa jechuu keessatti irra caalaan: Fajriin bahuu irraa jalqabee hanga aduun baatutti jalqaba guyyaa keessatti, Asrii booda irraa kaasee hanga osoo aduun hin lixin duratti, sana booda yoo isii jedhe, jechuun: ganama erga bari’ee booda yoo isii jedhe sun isaaf gahaadha, sa’aatii zuhrii booda yoo isii jedhes isaaf gahaadha, erga aduun lixxee booda yoo jedhes gahaadha, yeroon sun yeroo zikrii itti jedhani.
  4. Zikriin halkan keessaa yeroo murtaa’e qabaachuu irratti wanni ragaan agarsiise kan akka aayaa lamaan dhuma Suuraa Baqaraaa qara’uu inni halkan erga aduun lixxee booda taha.