+ -

عَنِ أَبِي مُوسَى رضي الله عنه، عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُ كَانَ يَدْعُو بِهَذَا الدُّعَاءِ:
«رَبِّ اغْفِرْ لِي خَطِيئَتِي وَجَهْلِي، وَإِسْرَافِي فِي أَمْرِي كُلِّهِ، وَمَا أَنْتَ أَعْلَمُ بِهِ مِنِّي، اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي خَطَايَايَ، وَعَمْدِي وَجَهْلِي وَهَزْلِي، وَكُلُّ ذَلِكَ عِنْدِي، اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي مَا قَدَّمْتُ وَمَا أَخَّرْتُ، وَمَا أَسْرَرْتُ وَمَا أَعْلَنْتُ، أَنْتَ المُقَدِّمُ وَأَنْتَ المُؤَخِّرُ، وَأَنْتَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6398]
المزيــد ...

Abuu Muusaa irraa odeeffame Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kadhaa kanaan kadhataa turan:
«Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalage, koo fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6398]

Ibsaa

Du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan waa hedduu walitti qabate keessaa tokko jecha isaanii kana :
“Yaa Rabbii kiyya, dogoggora koo, dilii koo fi wallaalummaa koo fi waan osoo hinbeekin narraa argame, naaf dhiisi.
“Dhimma koo hundumaa keessatti qisaasessuu koo” dagannoo koo fi daangaa darbuu koos naaf dhiisi.
“Waan ati ana irraa beektu” Ati ana irraa beektee ani immoo isa dagadhes yaa Rabbi naaf dhiisi.
“Yaa Rabbi dilii koo fi badiin ani beekkaan dalage naaf dhiisi” waan itti yaadee ana irraa argamee fi waan badii ta'uu isaa osoon beekuu raawwadhes naaf dhiisi.
"Dhugaa koo fi qoosa koo" waan qoosaan dalage, haala lamaan keessatti waan na irraa argame naaf dhiisi.
"Sun hundi na bira jira" wantoota diliiwwanii fi mudaa irraa waan dubbatame walitti qabadhee jira.
"Yaa Rabbi waan dabarsee" fi "waan kana booda hojjadhus" naaf dhiisi.
“badiin ani dhoksee hojjadhee” fi "badiin ani mul'isee hojjadhe" naaf dhiisi.
"Ati dursaa dha, ati boodatti hanbisaa dha" Uumama kee irraa abbaa barbaadde waan ofii jalattu isa waffaquun gara rahmata keetitti dursita, abbaa barbaadde immmoo isa xiqqeessuun rahmata kee irraa duubatti harkifta, kanaaf waan ati booddeetti harkifate namni dursa kennuuf hin jiru, wantoota irraa waan ati dursa kenniteef wanni booddeetti isa deebisu hin jiru.
“Ati waan hundumaa irratti danda'aadha” dandeettii guutuu, fedhii guutu qabda, waan barbaadde akka barbaaddetti hojjatta.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. sadarkaa du'aa'iin kun qabuu fi Nabiyyiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hidhachuuf jecha isatti yaaddahuun barbaachisaa ta'uudha.
  2. Waa garmalee baasuu irraa dhoorguu fi namni garmalee waa baasu adabbiif akka saaxilamuudha.
  3. Rabbiin ol tahe, ilma namaa lubbuu ofii isaa caalaa akka isa beekuudha, kanaaf dhimma isaa hunda Rabbiitti hirkifachuudha qaba; sababni isaas inni osoo hin beekin dogoggora raawwachuu danda'a waan ta'eef jecha.
  4. Namni tokko akkuma dhugaa isaatiif itti gaafatamuu danda’u qoosaa isaatiinis itti gaafatamuu danda’a, kanaaf ilma namaa irratti qoosaa isaa keessatti of eeggannoo gochuun dirqama.
  5. Ibnu Hajar Al-Asqalaniin akkana jedhe: "sanadoota hadiisni kun keessatti gabaafame keessatti, du'aa'iin kun bakka addaa akka qabu ragaa agarsiisu tokkollee hin argine. Du’aa'ii kana irra caalaan salaata halkanii keessatti akka isa jedhaa turan babaasa biroo keessatti argameera, Xumura salaataa irrattis isa akka jedhaa turan dhufeera, haa ta'uu malee salaamtaan dura ykn booda ta'uu keessatti gabaasaaleen wal dhabaniiru.
  6. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dogongoranii araarama kadhatuu laata? Gad of qabuu fi of tuulummaa dhiisuufi jedhame, yookaan immoo guutummaan jalaa dabruu fi waan caalaa dhiisuu akka baditti lakkaa'aniiti, yookaan waan daguun ta’e, ykn waan Nabiyyummaa dura ta’eefi jedhame, Akkasis jedhame: Dhiifama gaafachuun gocha ibaadaa raawwatamuu qabuudha, badiif dhiifama gaafachuu osoo hin taane ibaadaa waan ta'eefi, akkasis jedhame: sun ummata isaanii dammaqsuu fi barsiisuufi; akka isaan ofitti amananii araarama gaafachuu hin dhiifnef jecha.