+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«اللهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي فِيهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْتَ رَاحَةً لِي مِنْ كُلِّ شَرٍّ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2720]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e, naaf tolchi, Addunyaa koo kan jireenyi koo keessa jirus naaf fooyyessi, Aakhira koo kan deebiin koo isa keessatti ta'uu naaf tolchi, Jireenya koo kan waan gaarii hundumaa irraa keessatti dabaladhu naaf godhi, Du'aas kan hamtuu hunda irraa itti boqadhu naaf taasisi».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2720]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii isa keessatti hundeelee naamusa gaggaarii kan isaan ishee guutuf ergaman walitti qabaniin kadhatan, innis tolina Amantii, tolina addunyaa fi aakhiraati, Jecha gabaabaa kana keessatti tolina wantoota sadan walitti qaboo ta'anii kana dubbatanii, Tolina amantiitin eegalan, tolinni jiruu ganda lameenii isaan argama waan ta'eef, akkana jedhan:
(Yaa Rabbi amantii koo naaf tolchi) Naamusa isaa haala hunda caalaa fi guutuu ta’een akkan raawwadhu na waffaquun jechuu dha.
(Isa inni eegumsa dhimma kiyyaa ta'e) akkasumas Dhimma koo hundaaf eegduu kan ta'e, yoo amantiin koo bade, dhimmoonni koo ni badan, anis kisaaraa keessa gala, itti aansee tolinni amantii barbaadamaan tolina addunyaatin malee waan hin guutamneef akkana jedhan:
(Addunyaa koos naaf tolchi) Fayyaa qaamaa, nageenya, jireenya, haadha manaa gaarii, maatii gaarii fi waan na barbaachisu kan halaala ta'ee ibaadaa keetirratti na gargaaru naaf kennuun, Ergasii isa kadhachuu keessatti sababaa dubbachuun, akkas jedhan:
(Isaa jireenya koo keessa jiru), akkasumas bakki jireenyaa koo fi yeroon jireenyaa koo kan isa keessa ta'u.
(Aakhiraa koo kan itti deebi'uuf taa'u naaf tolchi) akkasumas deebii koo kan gara qunnamtii keetitti ta'uuf taa'us naaf tolchi, kun ammoo tolina dalagaa fi Rabbiin gabricha ikhlaasan isa gabbaruuf isa waffaqee khaatimaan toluun mirkanaa'a.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- eega addunyaa dubbatanii Aakhiraa dubbatan; sababni isaas inni jalqabaa mala isa lammaffaa sirreessuu waan ta’eef jecha, Namni akkaataa Rabbiin barbaadutti addunyaan isaaf sirroofte aakhiraan isaas isaaf sirrooftee itti milkaa'a.
(Jireenya godhi) akkasumas dheerina umrii, (dabalata kheyrii hundaa) kanan hojii gaggaarii itti baay'ifadhu naaf godhi, (Du'a naaf taasisi) Saffisiisa isas (badii hundarraa boqonnaa) akkasumas Qormaata, rakkina, dilii fi dagannoon mokkoramuu irraas, akkasumas rakkina addunyaa fi dhiphina ishee irraa bilisa ta'ee kan boqonnaan naaf argamu naaf taasisi.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Amantiin wanti hunda caalaa barbaachisaa dha; Kanaafi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii keessatti isaan eegalan.
  2. Amantiin nama tokkoof eegumsa badii hunda irraa isa dhoorga.
  3. Tolina Jiruu addunyaa fi Aakiraatif jecha dhimmoota addunyaa kadhachuun barbaachisaa dha.
  4. Amantii keessatti fitnaa sodaachuuf jecha du’a hawwuun, ykn shahiidummaa irratti akka du’u Rabbiin kadhachuun hin jibbamuudha.