+ -

عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«الدُّعَاءُ لاَ يُرَدُّ بَيْنَ الأَذَانِ وَالإِقَامَةِ».

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي] - [سنن الترمذي: 212]
المزيــد ...

Anas bin Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatuu- akkana jedhan:
«Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».

[sirrii] - [abuu daawud, tirmizii, nasa'iin odeessan] - [sunana tarmizii - 212]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sadarkaa Du'aa'iin waamicha azaanaa fi iqaama gidduutti godhamu qabu, inni akka hin didamnee fi deebii argachuu akka qabu ibsaniiru, kanaaf yeroo kana keessatti Rabbiin kadhadhaa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa yeroo kana kadhachuun qabuudha.
  2. Kadhataan naamusa kadhannaa hordofee, bakkoolee isaa fi yeroo isaa kan sadarkaa qabu keessatti yoo kadhate, Rabbiif ajajamuu diduu irraa fagaachuun, waan shakkii qaban keessa akka hin kufne yoo of eegee, Rabbitti yaada yoo tole, fedha Rabbiitin Rabbiin isaaf awwaachuun ni mala.
  3. Manaawiin waa’ee du'aa'iin qeebalamuu ilaalchisee akkana jedhe: Jechuunis: haal-duree, utubaalee fi naamusaalee kadhannaa erga walitti qabee boodaadha, isaan keessaa tokko yoo hafe ofii isaa malee nama komatu hin qabu.
  4. Du'aa'iin qeebalamuun: Yookaan kadhannaan isaa isaaf ni ariifata, yookaan hammeenyi walfakkaataan isa irraa ni deebi'a, yookaan immoo aakiratti isaaf ol kaayamaaf; Kunis akka ogummaa fi rahmata Rabbiitin.