+ -

عن عبد الله بن عمر رضي الله عنهما قال:
سَمِعَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ رَجُلًا يَعِظُ أَخَاهُ فِي الْحَيَاءِ، فَقَالَ: «الْحَيَاءُ مِنَ الْإِيمَانِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 36]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Umar irraa odeeffamee -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan saalfii irraa obboleessa isaa gorsuu dhaga'anii, akkas jedhan: "Saalfiin iimaana irraayi".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 36]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan obboleessa isaa saalfii akka dhiisuuf gorsu dhaga'an! eegasii saalfiin iimaana irraa akka ta'e isaaf ifa galchan, inni toltuun malee hin dhufu.
Saalfiin waan bareedaa hojjachuu irratti nama kakaaasa, akkasumas waan fokkataa dhiisuu irratti nama kakaasa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Wanti toltuu hojjachuu irraa si dhoorgu saalfii jedhamee hin waamamu, inumaa sodaa, dadhabbii fi lugnummaa jedhamee waamama.
  2. Rabbiin irraa saalfachuun waantoota itti ajajaman hojjachuu fi wantoota irraa dhoorgaman dhiisuudhaan ta'a.
  3. Ummata irraa saalfachuun isaan kabajuu, iddoo isaaniif malu isaaniif kennuu fi aadaatti waan fokkatu irraa fagaachuun ta'a.