+ -

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ رضي الله عنهما أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ يَدْعُو بِهَؤُلَاءِ الْكَلِمَاتِ:
«اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ غَلَبَةِ الدَّيْنِ، وَغَلَبَةِ الْعَدُوِّ، وَشَمَاتَةِ الْأَعْدَاءِ».

[صحيح] - [رواه النسائي وأحمد] - [سنن النسائي: 5475]
المزيــد ...

Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota kanneenin kadhataa turan:
«Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha».

[sirrii] - [nasa'iif ahmad odeesse] - [sunana nasaa'ii - 5475]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wantoota armaan gadii irraa maganfatan:
Tokkoffaa: (Yaa Rabbi! ani sitti maganfadha) kooluu barbaada, (sitti) si malee kan biraatin hin maganfadhu (liqaan moo’amuu) cunqursaa, yaaddoo fi dhiphina isaa irraa, akkasumas liqaa kana kaffaluuf akka na gargaartu si gaafadha.
Lammaffaa: (diinaan moo’amuu) cunqursaa fi ol’aantummaa agarsiisuu isaa irraa sitti magnfadha, akkasumas miidhaa isaa akka narraa qabdee, kan isa moo'adhu akka na taasistu si kadhadha.
Sadaffaa: (Diinni namatti gammaduu) balaa fi rakkoo Muslimtoota mudatutti gammaduu isaanii irraa sitti maganfadha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waan Rabbiif ajajamuu irraa yaada namaa hihhiruu fi yaaddoo fidu kan akka liqaa fi kan biroo hunda irraa maganfachuu irratti kakaasuudha.
  2. Liqaa fudhatuun rakkoo hin qabu, garuu rakkoon nama liqaa hin deebisne bira jira, isa kana liqaa nama moo'atu jechuun.
  3. Namni tokko wantoota namni itti gammaduu fi qeeqamu irraa fagaachuu qaba.
  4. Diinummaa kaafiroonni mu'umintootaf qabanii fi yeroo balaan isaan mudatu isaanitti gammaduu isaanii ibsuudha.
  5. Diinonni balaa namatti dhufutti gammachuu mul'isuu isaanitu balaa nama mudatu irra namatti ulfaata.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa الموري kanadiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية
Garsisuu hiikowani