+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
أَنَّهُ كَانَ يَقُولُ إِذَا أَصْبَحَ: «اللهُمَّ بِكَ أَصْبَحْنَا، وَبِكَ أَمْسَيْنَا، وَبِكَ نَحْيَا، وَبِكَ نَمُوتُ، وَإِلَيْكَ النُّشُورُ» وَإِذَا أَمْسَى قَالَ: «بِكَ أَمْسَيْنَا، وَبِكَ أَصْبَحْنَا، وَبِكَ نَحْيَا، وَبِكَ نَمُوتُ، وَإِلَيْكَ النُّشُورُ» قَالَ: وَمَرَّةً أُخْرَى: «وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ».

[حسن] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي في الكبرى وابن ماجه] - [السنن الكبرى للنسائي: 10323]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu-:
Ganama Ganama akkas jedhan ture: «Yaa Rabbi siin bariisifanne, siin galgaleefanne, siin jiraanna, siin duuna, garuma kee deebina» yeroo galgalaa immoo akkana jedhan: «Yaa Rabbi siin galgaleefanne, siin bariisifanne, siin jiraanna, siin duuna, garuma kee deebina» yeroo tokko immoo akkas jedhan: «Deebin garuma keeti».

[hasani] - - [sunana kunraa nasaa'ii - 10323]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo jalqaba guyyaa isaanif bari'e akkas kan jedhan ta'an:
(Yaa Rabbi siin bariisifanne) eegumsa kee keessa jiraataa, qananii kee keessatti cuuphamaa, zikrii kee irratti bobba’aa, maqaa keetin gargaarsifataa, towfiiqa keetiin hammatamaa, malaa fi humna keetiin sochoo’aa, (siin galgaleefanne, siin jiraanna, siin duuna) galgala jedhamuu waliin akkuma jechota armaan duraa fakkaata, ni jedhan: siin galgaleeffanne, maqaa kee isa jiraachisaa ta'een jiraanna, maqaa kee isa ajjeesaa ta'een immoo ni duuna, (garuma kee deebina) Du’a booda ka’uu, walitti qabamuu booda addaan bahuu,, haalli keenya yeroo hundumaa haala kanaan itti fufa, haalota hafan gonkumaa irraa hin fagaadhus hin dhiisus.
Salaata Asrii booda galgala yeroo ga’anis akkana jedhan: (Yaa Rabbi siin galgaleefanne, siin bariisifanne, siin jiraanna, siin duuna, garuma kee deebina) Deebi'uun addunyaa tana keessatti, gara dhumaatti deebi'uunis, simatu na jiraachisa, simatu na ajjeesa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hidhachuuf jecha du'aa'ii kana ganamaa fi galgala jechuun jaalatamaa ta'uudha.
  2. Gabrichi haalaa fi yeroo isaa hunda keessatti Gooftaa isaa Rabbitti haajamaa ta'uudha.
  3. Zikriiwwan qara'uu keessatti caalaan, ganama jalqaba guyyaa keessatti barii irraa kaasee hanga aduun baatutti, Asrii booda irraa kaasee hanga osoo aduun hin lixin duraati, ganama erga bari'ee booda yoo jedhe ni danda'a. yoo zuhrii booda jedhes ni danda'a, yoo salaata magribaa booda jedhes ni danda'a, suni yeroo zikriiti.
  4. Yeroo ganamaa "Wa ileyka al-nushuur" jechuun, kun yeroo namoonni du'anii guyyaa qiyaamaa kaafaman isa yaadachiisa, kun du’aa ka’uu haaraa dha, guyyaa haaraa lubbuun namatti deebitu, kan namoonni isa keessatti faffaca'an, ganamni haaraan Rabbiin isa uume kun hafuura baafata, Ilma Aadam irratti ragaa ta’uuf, yeroo fi waqtiin isaa hojii keenyaaf kuusaa ta’a.
  5. Yeroo galgalaa "Wa ileyka al-masiir" jechuun, yeroo namoonni hojiilee isaanitii fi jiruu jireenya isaanitiif faffaca'iinsa isaanii irraa deebi'ani, gara manneen isaanii deebi'ani, erga gar gar bahanii booda gara boqonnaatti deebi'ani, kun gara Rabbii ol ta'ee guyyaa qiyaamaa deebi'uu yaadachiisa.