+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«الْمُؤْمِنُ الْقَوِيُّ، خَيْرٌ وَأَحَبُّ إِلَى اللهِ مِنَ الْمُؤْمِنِ الضَّعِيفِ، وَفِي كُلٍّ خَيْرٌ، احْرِصْ عَلَى مَا يَنْفَعُكَ، وَاسْتَعِنْ بِاللهِ وَلَا تَعْجَزْ، وَإِنْ أَصَابَكَ شَيْءٌ، فَلَا تَقُلْ لَوْ أَنِّي فَعَلْتُ كَانَ كَذَا وَكَذَا، وَلَكِنْ قُلْ قَدَرُ اللهِ وَمَا شَاءَ فَعَلَ، فَإِنَّ (لَوْ) تَفْتَحُ عَمَلَ الشَّيْطَانِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2664]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:
“Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira, waan si fayyadu irratti bololi, Rabbiin gargaarsifadhu malee hin dadhabin, wanti ati hin jaallanne wahii yoo si mudate, osoon akkasii fi akkas godhee silaa akkasii fi akkas ta’a ture hin jedhin, Garuu akkas jedhi: Rabbiin waan fedhe dabarse, wahuma fedhe hojjate, sababni isaas (osoon) hojii sheexanaa waan namatti bantuuf jecha".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2664]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namni mu'uminaa hunduu gaarii akka ta’e ibsan, garuu mu’umina amantii, murannoo, qabeenya isaati fi karoowwan ciminaa irraa waan biroo keessatti cimaa taheetu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala irra jaallatamaasi. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhimmoota addunyaa fi Aakhiraa irraa waan isa fayyadu keessatti Rabbirratti hirkatee Isaan gargaarsifachaa sababowwan geessuudha mu'uminaaf dhaaman. Eegasii nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu waan biyya lamaanitti nama fayyadu irraa dadhabuu fi ceem'uu irraa dhoogan. Rabbiin gargaarsifatee mu'uminni ciminaan yoo hojjete, sababootas yoo geesse, kheyrii Rabbiin irraa yoo barbaade, booda kanaatii dhimma isaa hunda Rabbitti hirkisuu yoo ta'e malee homaa isa irra hin jiru, filannoon Rabbii ol ta'ee isaaf gaarii ta’uu isaa beekuudha qaba, Sana booda balaan yoo isa mudate akkas jechuu hin qabu: “Osoon ani hojjedhee silaa akkasii fi akkas ta’a ture”; “Sababni isaas (osoo) jechuun hojii sheeyxanaa waan namatti bantuuf jecha” sun qadara mormuu fi waan darbeef boo’uu keessatti muldhata, garuu harka kennachuu fi jaalalaan akkas jedha: “Rabbiin waan fedhe dabarse, waan fedhes hojjete". Wanti ta’e hundinuu fedha Rabbiitini, sababni isaas Inni waan barbaade hojjeta, wanni murtee Isaa deebisuu fi dura dhaabbatu hin jiru waan ta'eef jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namoonni iimaana keessatti wal caaluudha.
  2. Dalagaa keessatti ciminni barbaadamuudha; sababni isaas faayidaa dadhabbiin hin argamneetu ciminaan argama waan ta'eef jecha.
  3. Namni waan isa fayyadu irratti bololee, waan isa hin fayyanne immoo dhiisuutu barbaachisaadha.
  4. Mu'uminni dhimmoota isaa hundumaa keessatti gargaarsa Rabbii barbaaduun isa irratti dirqama, ofitti hirkachuu hin qabu.
  5. Qadaa fi qadara mirkaneessuudha, innis sababoowwan geessuu fi kheyrii barbaaduu keessatti tattaafachuu wajjiin kan wal hin faallessine ta'uudha.
  6. Yeroo balaan mudatu aarii irraa kan ka’een “osoo” jechuu irraa dhoorguudha, akkasumas murtee Rabbii ol ta'ee mormuun haraama ta'uudha.