+ -

عن النعمان بن بَشِير رضي الله عنه قال: سمعت النبيَّ صلى الله عليه وسلم يقول:
«الدُّعَاءُ هُوَ الْعِبَادَةُ»، ثُمَّ قَرَأَ: «{وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ إِنَّ الَّذِينَ يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِي سَيَدْخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ} [غافر: 60]».

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي وابن ماجه وأحمد] - [سنن الترمذي: 3247]
المزيــد ...

Nu'umaan ilma bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha", eegasii Aayaa qur'aanaa tan hiikkaan isii akkas jedhu qara'ani: "Rabbiin keessan ni jedhe: na kadhaa isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".[Gaafir: 60]

-

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- du'aa'iin ibaadaa akka ta'e himani, du'aa'ii gaafannaa fi barbaachaas ta'ee, waan isa fayyaduu fi waan duuniyaa fi aakhiraatti isa miidhu isa irraa deebisu Rabbiin gaafachuufaa yookaan du'aa'ii ibaadaas ta'ee, isiin hunda jechootaa fi hojiiwwan mullataa fi dhokataa Rabbiin jaallatuudha, ibaadaa qalbiis ta'ee yookaan kan qaamaa yookaan kan qabeenyaas dirqamni jiru hundi isaatuu Rabbiif qulqulluu ta'uu qaba.
Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irratti Rabbiin akkas jedhe jechuun ragaa dhiheeffatani: "Na kadhaa" isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Du'aa'iin bu'uura ibaadaati, Rabbiin malee waan jiruuf dabarsanii kennuun hin ta'u.
  2. Du'aa'iin gabbarummaa dhugaa fi durummaa Rabbii ol ta'ee, dandeettii Isaatii fi gabrichi Isatti haajamaa ta'uu isaa raggaasisuu of keessatti qabata.
  3. Sodaachisa jabaa mindaa ibaadaa Rabbii irraa boonuu fi Isa kadhachuu dhiisuu qabuudha, akkasumas isaan kadhaa Rabbii irraa boonan salphatoo xinnaatoo ta'anii jahannama akka seenuuf jiranuudha.