+ -

عَنْ أَنَسٍ رضي الله عنه قَالَ:
كَانَ أَكْثَرُ دُعَاءِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «اللَّهُمَّ رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً، وَفِي الآخِرَةِ حَسَنَةً، وَقِنَا عَذَابَ النَّارِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6389]
المزيــد ...

Anas irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6389]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- du'aa'ii yeroo tokkotti waa hedduu of keessatti qabatuun kadhannaa kan baay'isan turan, sana keessaa: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi" jechuudha. Du'aa'in kun gaarummaa addunyaa kan akka rizqii bareedduu, bal’aa halaal, haadha manaa gaarii, ilmoo ijji itti gammaddu, beekumsa faayidaa qabu, hojii gaarii, fi wantoota hawwataa fi hayyamaman biroo of keessatti hammata, akkasumas tolina aakhiraa, adabbii qabrii, fi ibidda jahannam irraa bilisa ta’uu, jaalala Rabbii argachuu, qananii dhaabbataa ta'een milkaa'u fi Rabbii rahmata guddaa qabutti dhihaachuudha of keessatti hammata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- fakkeenyummaan hordofuuf jecha, du'aa'ii hunda galeessa fayyadamuun jaallatamaa ta'uudha.
  2. Namni yeroo du'aa'ii godhatu du'aa'ii isaa keessatti kheyrii addunyaa fi Aakhiraa walitti qabee kadhachuun caalaatti kadhannaa isaa guutuu taasisa.