+ -

عَنْ أَنَسٍ رضي الله عنه قَالَ:
كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يُكْثِرُ أَنْ يَقُولَ: «يَا مُقَلِّبَ القُلُوبِ ثَبِّتْ قَلْبِي عَلَى دِينِكَ»، فَقُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ، آمَنَّا بِكَ وَبِمَا جِئْتَ بِهِ فَهَلْ تَخَافُ عَلَيْنَا؟ قَالَ: «نَعَمْ، إِنَّ القُلُوبَ بَيْنَ أُصْبُعَيْنِ مِنْ أَصَابِعِ اللهِ يُقَلِّبُهَا كَيْفَ يَشَاءُ».

[صحيح] - [رواه الترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 2140]
المزيــد ...

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuu kan heddummeessu turani: «Yaa kan qalbii garaggaggalchitu qalbii kiyya amantii kee irratti raggasisi», nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii, sii fi waan ati ittiin dhuftetti amannee jirra, nurratti ni sodaattaa? isaanis ni jedhani: «eeyyeen, qalbiin quboowwan Rabbii keessaa quba lameen gidduutti argamti akka fedhe isii garaggaggalcha».

[sirrii] - [tirmiziifii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 2140]

Ibsaa

Irra guddaa kadhaa ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amantaa fi ibaadaa irratti ragga'uu akkasuma jallinaa fi karaa irraa ba'uu irraa fagaachuu Rabbiin kadhachuu ture. Anas bin maalik -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhaa kana heddummeessuu isaanii ajaa'ibsiifate, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qalbiiwwan qubootii Rabbii keessaa quba lameen gidduu akka jirtu akka fedhetti akka isii gaggargalchu isatti himani. Qalbiin buufata iimaanaatii fi kufriiti, qalbiin qalbii (kan garagalu) jedhamee kan waamameef gaggaragaluu waan heddummeessuuf jecha. inni gaggaragaluu distii yeroo danfitee caalatti gaggaragala. Rabbiin nama fedhe qajeeluma irratti gadi isa dhaabee diinii irratti isa raggaasisa. nama fedhe immoo qalbii isaa qajeeluma irraa gara dabaafii jallinaatti isa oofa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa sarbiyaffaa roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiif gadi of qabuu isaaniitii fi isatti cuucumma'uu isaanii agarsiisa, akkasuma ummata isaaniis sana kadhachuutti isaan qajeelchuutu keessa jira.
  2. Barbaachisummaa amantii irratti gadi dhaabbachuu fi isa irratti ragga'uun qabuu fi kan ilaalamu xumura ta'uu isaa.
  3. Garbichi hanga libsuu ijaatiifillee Rabbiin isa raggaasisuu irraa of ga'uu akka hin dandeenyeedha.
  4. Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hidhachuuf jecha kadhaa kana heddummeessuutti kakaasuutu keessa jira.
  5. Islaamummaa irratti ragga'uun tola isa guddicha garbichi isa argachuuf carraaquu qabuu fi isa irrattis gooftaa isaa galateeffachuu qabuudha.