+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: إِنَّ رَسُولَ اللهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«إِذَا شَرِبَ الْكَلْبُ فِي إِنَاءِ أَحَدِكُمْ فَلْيَغْسِلْهُ سَبْعًا». ولمسلم: « أولاهُنَّ بالتُراب».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 172]
المزيــد ...

Abuu Hurayraaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
«Yeroo sareen meeshaa tokkoo keessanii keessaa dhugdetti si'a torba isa haa dhiqu».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 172]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo sareen arraba isaa meeshaa keessa seensisetti si'a torba dhiquutti ajajani, si'a torba keessaa kan jalqabaa biyyoo woliin ta'ee dhiqama isa boodaa bishaan akka dhufuuf jecha, kanaan najaasaa fi miidhaa isaa irraa qulqullinni guutuun argama.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gororri saree najaasaa jabaa irraati.
  2. Sareen meeshaa keessa afaan seensifachuun najaasaa isa taasisa, bishaan isa keessa jirullee ni najasa.
  3. Biyyoon qulqulleessuunii fi yeroo torba irra deebi'uun afaan isaa meeshaa keessa seensisuu irratti gabaabbata, fincaan, sagaraa fi hunda waan sareen karaa biraatiin faale biroo hin ilaallatu.
  4. Akkaataan meeshaa biyyoodhaan itti dhiqanu: bishaan meeshaa keessatti naquun biyyoo immoo isa irratti dabala, eegasii makaa kanaan meshaa sana dhiqa.
  5. Ergaan hadiisaa inni ifa galaan saree hundayyuu akka qabatu kenna, saree shari'aan guddifachuu eeyyamte yoo taatellee, akka sareewwan adamoo, eegumsaa fi beelladaan eeggatanuu.
  6. Saamunaa fi andoodeen bakka biyyoo bu'uu hin danda'anu; waan nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- biyyoo maqaa dha'aniif jecha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa sarbiyaffaa roomaniyaffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani