+ -

عن أبِي هريرة رضي اللَّه عنه: سمعتُ النبِيّ صلى الله عليه وسلم يقول:
«الفِطْرَةُ خمسٌ: الخِتَانُ والاستحدادُ وقصُّ الشَّارِبِ وتقليمُ الأظفارِ وَنَتْفُ الآبَاطِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5891]
المزيــد ...

Abbaa Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhuun dhagahe:
“Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuu, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5891]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amaloota shan kan amantii Islaamaa fi sunnaalee ergamtootaa irraa ta'an ibsan:
Sana keessaa inni jalqabaa: kittaannaadha, innis gogaa dabalataa mataa qaama saalaa dhiiraa irratti argamu irraa kutuudha, akkasumas mataa gogaa qaama saalaa dubartii bakka qaamni saalaa dhiiraa seenuun olitti argamu irraa kutuudha.
Inni lammaffaa: Istihdaada, innis rifeensa naannoo qaaama saalaa haaddachuudha.
Sadaffaan: Rifeensa affarroo muruudha, innis waan hidhii dhiiraa tan gubbaa irratti biqile yoo ta'u, akka hidhiin mul’atutti muruudha.
Afraffaan: Qeensa gabaabsuudha.
Shanaffaan: Rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sunnaaleen Ergamtootaa tan Rabbiin isii jaallatee isitti ajaju, guutuu, qulqullummaa fi bareedinatti waamti.
  2. Wantoota kannnen too'achuun karaa ta'uu fi ishee irraa dagachuu dhabuudha.
  3. Amaloonni kun faayidaa amantii fi duniyaa kan qaban yoo ta’u, isaan keessaa: Akkaataa ofii miidhagsuu, qaama qulqulleessuu, qulqullummaaf of eeggannoo gochuu, kaafiroota fallessuu fi ajaja Rabbiif ajajamuu faadha.
  4. Shanan kana malee amala dabalataan naamusa uumamaa kan akka: areeda guddisuu, siwaaka (rigaa ilkaanii) fayyadamuu fi kanneen biroo akka jiran hadiisa biroo keessatti ibsameera.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية
Garsisuu hiikowani