عَنِ شُرَيْحٍ بنِ هانِئٍ قَالَ:
سَأَلْتُ عَائِشَةَ، قُلْتُ: بِأَيِّ شَيْءٍ كَانَ يَبْدَأُ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ إِذَا دَخَلَ بَيْتَهُ؟ قَالَتْ: بِالسِّوَاكِ.
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 253]
المزيــد ...
Shurayh bin Haani’i irraa akka odeeffametti akkana jedhe:
Aa'ishaa akkana jedhee gaafadhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo mana isaanii seenan maalin eegalan? Isheenis akkana jette: Siwaakani.
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 253]
Karaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- keessaa tokko yeroo fedhetti haa ta'uu halkanis ta'ee guyyaa yeroo mana isaanii seenan siwaakan fayyadamuun eegaluudha.