عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ:
قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «يَقُولُ اللهُ عَزَّ وَجَلَّ: أَنَا عِنْدَ ظَنِّ عَبْدِي، وَأَنَا مَعَهُ حِينَ يَذْكُرُنِي، فَإِنْ ذَكَرَنِي فِي نَفْسِهِ ذَكَرْتُهُ فِي نَفْسِي، وَإِنْ ذَكَرَنِي فِي مَلَإٍ ذَكَرْتُهُ فِي مَلَإٍ خَيْرٍ مِنْهُ، وَإِنِ اقْتَرَبَ إِلَيَّ شِبْرًا، تَقَرَّبْتُ إِلَيْهِ ذِرَاعًا، وَإِنِ اقْتَرَبَ إِلَيَّ ذِرَاعًا، اقْتَرَبْتُ إِلَيْهِ بَاعًا، وَإِنْ أَتَانِي يَمْشِي أَتَيْتُهُ هَرْوَلَةً».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 2675]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Rabbi ol ta’e akkana jedha: Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira, yoo inni lubbuu ofii keessatti na yaadate, anis of keessatti isa yaadadha, yoo inni jamaa'aa keessatti na yaadate, ani immoo jamaa'aa sana irra caalaa keessatti isa yaadadha, yoo inni hanga taakkuu tokkoo natti dhihaate ani immoo dhundhuma tokkoon itti dhihaadha, yoo inni dhundhuma tokkoon natti dhihaate, ani hanga bal'ina harkaatin itti dhihaadha, yoo inni deemaa natti dhufe, ani immoo suksukaa itti dhufa».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2675]

Ibsaa

Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Rabbiin ol ta'e akka akkana jedhu himan:
Ani bakka gabrichi koo itti nayaade jira, akkaatuma inni itti na yaadeen gabricha koo keessummeessa, kunis kajeellaa fi dhiifama koo abdachuun ta'a. gaaris ta'e kan biraa waanuma inni na irraa eeggatuun isaaf taasisa, ani yoo inni na yaadate rahmata, milkaa'ina, qajeelluma, kunuunsaa fi deeggarsaan isa waliin jira.
Yoo ofii isaa qofaaf kophaa jiraatee subhaanallaah, laa ilaaha illallaah ykn waan biraatiin na yaadate; Anis ofumaa kiyyaan isa yaadadha.
Garee keessatti yoo na yaadate immoo; anis garee isaan caaluu fi irra gaarii ta'e keessatti isa yaadadha.
Namni hanga taakkuu takkoo Rabitti dhihaate Rabbiin immoo dhundhumaan itti dhihaata.
Yoo hamma dhundhuma tokkoo itti dhihaate, Rabbiin hamma hiixata tokkoo itti dhihaata.
Yoo inni deemaa Rabbitti dhufe Rabbiin immoo suksukaa itti dhufa.
Gabrichi Rabbii isaaf ajajamuu fi gara isaatti deebi’uudhaan yoo itti dhihaate, Rabbiin ol ta'e bifa hojii isaatin isa mindeessuuf gara isaatti dhihaachuu isaaf dabala.
Gabbatiin Mu’minaa lakkuma guutuu ta'een Rabbii ol ta'etti dhihaataa deema, Kennaa fi badhaasni Rabbii hojii fi cinqii garbichaa caala, Walumaa galatti qulqullinaa fi baay’inaanis hojii hojjetame caalaa mindaan Rabbi kennu kan caalu ta’uu isaati.
Mu'uminni yaada isaa Rabbitti tolchee, hojii hojjetu, akkasumas kheyrii hojjechuu keessatti ariifataa, dabalataa deemu qaba, hanga Rabbii isaa qunnamutti.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisni kuni hadiisolee Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Rabbii isaanii irraa odeessan keessaa isa tokko yoo ta’u, Hadiis al-qudsii ykn Hadiis al-ilaahii jedhamee waamama, jechi isaa fi hiikni isaa Rabbiin irraayi, Haa ta’u malee, amala Qur’aana waan biraa irraa adda isa godhu kan akka isa qara'uun ibaadaa gochuu, isaaf qulqulleeffachuu, isaan morkachuu, raajii ta'uu fi kan fakkaatan hin qabu malee.
  2. Aajurriin akkas jedhe: Warri dhugaa waanuma Rabbiin ol ta'e of itti ibsee fi waanuma Ergamaan isaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- isa itti ibsaniin isa ibsu, akkasumas waan Sahaabonni, -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ibsaniin isa ibsu. Kun karaa hayyootaati, warra isaan hordofanii fi (Islaamummaa keessatti) kan hin kalaqne ti. warri Sunnaa maqaa fi amaloota inni ofii isaatiif mirkaneesse osoo hin jallisin, osoo hin balleessin, osoo akkaataa itti hin godhin , osoo hin fakkeessin Rabbiif mirkaneessanii dha. Waan Rabbi of irraa haale isaanis irraa haalu, waan hin haalamnes hin mirkanoofne irraa ni call'isu. Rabbin ol tahe akkana jedha: (Wanti Isa fakkaatu hin jiru, Innis hedduu dhaga’aa argaadha).
  3. Rabbitti yaada gaarii qabaachuun hojii waliin ta'uu qaba. Hasan Al-Basriin akkana jedhe: Mu’uminni yaada gaarii Rabbii isaa irraa waan qabuuf, hojii gaarii hojjeta, namni kaafirri immoo yaada badaa Rabbii isaa irratti waan qabuuf hojii badaa hojjeta.
  4. Qurxubiin akkana jedhe: akkas jedhame: hiikni "waan gabrichi koo itti na yaade" jechuun kadhannaan isaaf owwaatamuu, bakka tawbaa deebi'etti tawabaan isaa akka qeebalamu, araarama barbaadee akka araara argatuu fi ibaadaa ulaagaalee isaa eeggatee yeroo raawwate dhugaa waadaa isaatti cichuudhaan akka mindeeffamu yaaduu jechuudha, Kanaaf, namni tokko Rabbi akka irraa fuudhuu fi dhiifama akka isaaf godhu mirkaneeffatee wanta gochuu qabu raawwachuu keessatti akka Rabbiin isa irraa qeebalee isaaf araaramu dhugoomsaa cimee carraaquu qaba; Sababni isaas waan Rabbiin sana waadaa isaaf galeef jecha, inni waadaa hin diigu, Rabbiin akka irraa hin qeeballee fi gochi sun akka isa hin fayyadne yoo yaade ykn yoo shakke kun rahmata Rabbii irraa abdii kutachuudha, inni immoo badii gurguddoo irraayi, namni haala sanaan du’e akkuma gabaasaalee hadiisa dubbatamee garii keessatti dhufetti inni waan yaade sanitti hirkafama, " Gabrichi koo waan fedhe natti haa yaadu”, ni jedhe: osoo dadii san irraa hin buqqa'in araarama Rabbii yaaduun wallaalummaa fi gowwoomsa qulqulluudha.
  5. Of keessatti fi arraba kee hundaan yeroo hedduu Rabbiin zakkaruu heddummeessuu irratti kakaasuudha, of keessatti fi qalbii isaa keessatti Rabbiin sodaataa, guddina isaa fi haqa isaa yaadachaa isa kajeela, isaas ni guddisa, ni jaallataas, yaadaas itti tola, hojiis isa qofaaf qulqulleessa, arrabaan akkana jedhee dubbata: Subhaanallaahi, walhamdulillaah, walaa ilaaha illallaahu, wallaahu akbar, walaa howla walaa quwwata illaa billaah, jechuunis: qulqullina Rabbiif haa ta'u, galatni Rabbiif haa ta'u, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin waa hunda irra guddaadha, Rabbiin malee humnis mallis hin jiru jechuudha.
  6. Ibnu Abii Jamrah akkana jedhe: Namni osoo sodaatuu Rabbiin zakkare Rabbiin nagaa isa taasisa, ykn kophummaan itti dhagahamaa yoo Isa zakkare isa booharsa.
  7. Taakkuu jechuun: fageenya fiixee quba xiqqaa fi fiixee quba guddaa gidduu jiruudha yeroo ganaa diriirsu keessatti. Dhuundhumni immoo fageenya fiixee quba giddu galeessaa irraa hanga lafee ciqileeti. Baa'a jechuun: dheerina dhuundhuma lamaani fi irree ilma namaa lamaani fi bal’ina qoma isaati, Kunis hamma dhuundhuma afuriiti.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (48)