Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:«Rabbi ol ta’e akkana jedha: Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira, yoo inni lubbuu ofii keessatti na yaadate, anis of keessatti isa yaadadha, yoo inni jamaa'aa keessatti na yaadate, ani immoo jamaa'aa sana irra caalaa keessatti isa yaadadha, yoo inni hanga taakkuu tokkoo natti dhihaate ani immoo dhundhuma tokkoon itti dhihaadha, yoo inni dhundhuma tokkoon natti dhihaate, ani hanga bal'ina harkaatin itti dhihaadha, yoo inni deemaa natti dhufe, ani immoo suksukaa itti dhufa». [sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2675]
Ibsaa
Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Rabbiin ol ta'e akka akkana jedhu himan:
Ani bakka gabrichi koo itti nayaade jira, akkaatuma inni itti na yaadeen gabricha koo keessummeessa, kunis kajeellaa fi dhiifama koo abdachuun ta'a. gaaris ta'e kan biraa waanuma inni na irraa eeggatuun isaaf taasisa, ani yoo inni na yaadate rahmata, milkaa'ina, qajeelluma, kunuunsaa fi deeggarsaan isa waliin jira.
Yoo ofii isaa qofaaf kophaa jiraatee subhaanallaah, laa ilaaha illallaah ykn waan biraatiin na yaadate; Anis ofumaa kiyyaan isa yaadadha.
Garee keessatti yoo na yaadate immoo; anis garee isaan caaluu fi irra gaarii ta'e keessatti isa yaadadha.
Namni hanga taakkuu takkoo Rabitti dhihaate Rabbiin immoo dhundhumaan itti dhihaata.
Yoo hamma dhundhuma tokkoo itti dhihaate, Rabbiin hamma hiixata tokkoo itti dhihaata.
Yoo inni deemaa Rabbitti dhufe Rabbiin immoo suksukaa itti dhufa.
Gabrichi Rabbii isaaf ajajamuu fi gara isaatti deebi’uudhaan yoo itti dhihaate, Rabbiin ol ta'e bifa hojii isaatin isa mindeessuuf gara isaatti dhihaachuu isaaf dabala.
Gabbatiin Mu’minaa lakkuma guutuu ta'een Rabbii ol ta'etti dhihaataa deema, Kennaa fi badhaasni Rabbii hojii fi cinqii garbichaa caala, Walumaa galatti qulqullinaa fi baay’inaanis hojii hojjetame caalaa mindaan Rabbi kennu kan caalu ta’uu isaati.
Mu'uminni yaada isaa Rabbitti tolchee, hojii hojjetu, akkasumas kheyrii hojjechuu keessatti ariifataa, dabalataa deemu qaba, hanga Rabbii isaa qunnamutti.
bu.aa hadiisa irraa
Hadiisni kuni hadiisolee Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Rabbii isaanii irraa odeessan keessaa isa tokko yoo ta’u, Hadiis al-qudsii ykn Hadiis al-ilaahii jedhamee waamama, jechi isaa fi hiikni isaa Rabbiin irraayi, Haa ta’u malee, amala Qur’aana waan biraa irraa adda isa godhu kan akka isa qara'uun ibaadaa gochuu, isaaf qulqulleeffachuu, isaan morkachuu, raajii ta'uu fi kan fakkaatan hin qabu malee.
Aajurriin akkas jedhe: Warri dhugaa waanuma Rabbiin ol ta'e of itti ibsee fi waanuma Ergamaan isaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- isa itti ibsaniin isa ibsu, akkasumas waan Sahaabonni, -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ibsaniin isa ibsu. Kun karaa hayyootaati, warra isaan hordofanii fi (Islaamummaa keessatti) kan hin kalaqne ti. warri Sunnaa maqaa fi amaloota inni ofii isaatiif mirkaneesse osoo hin jallisin, osoo hin balleessin, osoo akkaataa itti hin godhin , osoo hin fakkeessin Rabbiif mirkaneessanii dha. Waan Rabbi of irraa haale isaanis irraa haalu, waan hin haalamnes hin mirkanoofne irraa ni call'isu. Rabbin ol tahe akkana jedha: (Wanti Isa fakkaatu hin jiru, Innis hedduu dhaga’aa argaadha).