عَنْ عُقْبَةَ بْنِ عَامِرٍ رضي الله عنه قَالَ:
قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ مَا النَّجَاةُ؟ قَالَ: «امْلِكْ عَلَيْكَ لِسَانَكَ، وَلْيَسَعْكَ بَيْتُكَ، وَابْكِ عَلَى خَطِيئَتِكَ».

[صحيح] - [رواه الترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 2406]
المزيــد ...

Uqbaa bin Aamir irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nan jedhe: Yaa Ergamaa nagaa bahuun akkamitti argama? isaanis ni jedhan: «Arraba kee qabadhu, manni kee siif haa bal'atu, badii kee irratti boo'i».

[sirrii] - [tirmiziifii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 2406]

Ibsaa

Uqba bin Aamir -Rabbiin irraa haa jaallatu- Duuniyaa fi Aakhiratti wantoota nagaa bahuu mu'uminaaf sababaa ta'an irraa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra gaa jiraatuu- gaafate.
Isaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: Wantoota sadii gochuun sirra haa jiraatu:
Inni jalqabaa: Arraba kee waan kheyriin isa keesa hin jirree fi jecha badaa hunda dubbachuu irraa tiksi, waan gaarii malee homaa hin dubbatin.
Lammaffaan: Mana kee qabadhu akka dhufatti Rabbiin gabbartuuf jecha, turuun dhuunfaatti Rabbiin gabbari, ajaja Rabbii ol ta'ee irratti bobba'i, mana kee keessa taa'uun qorumsa irraa fagaadhu.
Sadaffaan: Badii raawwatteef jecha boo'i, gaabbi, irraas tawbadhu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sahaabaan Rabbiin isaan irraa haa jaallatuu karaa nagaa baasu beekuuf bolola guddaa akka qabaniidha.
  2. Sababoota duunyaa fi aakhiratti nagaa ittiin gahan ibsuudha.
  3. Namni tokko nama fayyaduu yoo dadhabe, ykn nama waliin yoo makame amantii fi lubbuu isaa irratti miidhaa yoo sodaate lubbuu ofii irratti akka hojjatu kakaasuudha.
  4. Keessattuu yeroo qorumsi garagaraa jiru keessatti mana ofitti yaadda'uutti akeekuutu keessa jira, inni amantii ofii eeggachuu irratti wantoota nama gargaaran keessa isa tokkoodha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (49)