1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname

عَنْ زَيْنَبَ بِنْتِ جَحْشٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْها أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ دَخَلَ عَلَيْهَا فَزِعًا يَقُولُ:
«لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَيْلٌ لِلْعَرَبِ مِنْ شَرٍّ قَدِ اقْتَرَبَ، فُتِحَ اليَوْمَ مِنْ رَدْمِ يَأْجُوجَ وَمَأْجُوجَ مِثْلُ هَذِهِ» وَحَلَّقَ بِإِصْبَعِهِ الإِبْهَامِ وَالَّتِي تَلِيهَا، قَالَتْ زَيْنَبُ بِنْتُ جَحْشٍ فَقُلْتُ يَا رَسُولَ اللَّهِ: أَنَهْلِكُ وَفِينَا الصَّالِحُونَ؟ قَالَ: «نَعَمْ إِذَا كَثُرَ الخَبَثُ».

Zaynab bintu jahsh irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaa rifataa isiitti ol seenani:
«Laa ilaaha illallaah(haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru), hamtuu dhugaan dhihaatee jiruuf dhumaatiin arabootaaf ta'e!, hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuuj irraa hardha hangi kun baname» eegasii quba isaanii abbudduu fi kan itti aantee jirtuun geengessanii agarsiisani, zaynab bintu jahsh akkana jette: yaa ergamaa Rabbii: osoo worri gaggaariin nu keessa jiruu dhabamnaa? isaanis ni jedhani: «eeyyen badiin yoo heddummaate».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 3346

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rifataa fi sodaataa haala ta'aniin zaynab bintu jahshitti akkas jedhaa ol seenani -Rabbi isii irraa haa jaallatu-: 'Laa ilaaha illallaah" waan hamaa argamuuf malu beeksisaa, gama Rabbii deebi'uun malee isa irraa karaan ittiin bilisa ba'an hin jiru, eegasii nabiyyiin-Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: badiin arabootaaf ta'e hamtuu argamuun isaa hardha dhugaan dhihaateef, hardha hidhaa ya'ajuujii fi ma'ajuujitu baname, inni hidhaa isa zul qarnayniin ijaaredha, fakkaataa kanaa jechuun, quba isaanii abbudduu fi isa itti aanu geengessani. Zaynab -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette: Rabbiin akkamitti badii nutti fida osoo mu'umintoonni gaggaariin nu keessa jiranuu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun isiidhaaf deebisani: fincilummaan, daangaa darbuun, badiiwwan, sagaagalummaan, farsoo fi kanneen biroo irraa badiin yeroo hedduummate balaan hunda wol ga'a.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Rifaatuun qalbii mu'uminaa zikrii Rabbii irraa hin dhiphiftuudha; zikrii Rabbiitiin qalbiin waan tasgabbooftuuf jecha.
  2. Badii irraa dhoorguu fi argamuu isii ittisuutti kakaasuudha.
  3. Balaan sababaa badiin heddummattee faffacaatee fi sababaa isii irraa dhoorguu dhabuutiin mudata, worri gaggaariin yoo heddummaatan illee.
  4. Balaan namoota hundaa qabatti gaggaarii fi badaa isaaniis, garuu gaafa kaafaman hunduu niyyaa isaanii irratti kaafamu.
  5. Jecha isaanii "arabootaaf dhumaatiin ta'e sharrii dhugaan dhihaateef" jedhuun araboota addatti foo'uun; yeroo isaan akkas jedhanitti isaantu irra guddaa worra gara islaamummaatti seenanii turani.

Hiikkaawwan dhiheessuu

52 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية