+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«بَادِرُوا بِالْأَعْمَالِ فِتَنًا كَقِطَعِ اللَّيْلِ الْمُظْلِمِ، يُصْبِحُ الرَّجُلُ مُؤْمِنًا وَيُمْسِي كَافِرًا، أَوْ يُمْسِي مُؤْمِنًا وَيُصْبِحُ كَافِرًا، يَبِيعُ دِينَهُ بِعَرَضٍ مِنَ الدُّنْيَا».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 118]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Qormaata akka ciccitaa halkan dukkanaa’aa jalaa hojii gaarii hojjechuun ariifadhaa, Namichi ganama mu’umina ta’ee galgala kaafira ta'a, ykn galgala mu'umina ta'ee bulee ganama kaafira ta'a, amantii isaa waan duniyaarraa xiqqaa ta'etti gurgura».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 118]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hojii gaarii hojjechuun jabaachuu fi qormaanni adda addaa kan hojii gaarii hojjechuu irraa nama dhoorgu dhufuun duratti hojii gaggaarii hojjechuu fi baay'isuu irratti mu'umina kakaasan. Inni Akka halkan dukkanaati, isa keessatti dhugaan sobatti makama, kanaaf dhugaa fi cubbuu gagar baasuun namootatti jabaata, cimina isaa irraa kan ka’een ilmi namaa burjaaja’a, hanga inni mu’umina ta’ee bulee galagala immoo kaafira ta’utti, akkasumas hanga inni mu’umina ta’ee galgaleeffatee kaafira ta'ee bariisafatutti, Gammachuu biyya adunyaa kan yeroo muraasaaf darbutti amantii isaa gurgurata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gufuuleen adda addaa tan hojii gaarii hojjechuu irraa nama dhoorgan dhufuun duratti amantii cichanii qabatanii hojii gaarii hojjechutti ariifatuun dirqama ta'uudha.
  2. Dhuma addunyaa irratti qormaanni nama jallisu walduraa duubaan akka dhufanii fi yeroo qormaanni tokko dabre kan biraa isa irraa akka bakka bu'uudha.
  3. Amantiin nama tokkoo yeroo laafee dhimma addunyaa kan akka qarshii ykn waan biraatiif jecha isa laaffise, sun ammoo amantii irraa maquu, amantii dhiisuu fi qorumsa keessa seenuuf sababa ta’a.
  4. Hadiisicha keessa hojiin gaariin qorumsa adda addaa jalaa bahuuf sababa akka tahu ragaatu jira.
  5. Qorumsi gosa lama qaba: qorumsa shakkiiti, wal’aansi isaa ammoo beekumsa, inni kuun qorumsa fedhiiti, wal’aansi isaa immoo Iimaana fi obsaan ta'a.
  6. Nama xiqqoo hojjate qorumsi akka itti ariifatu, namni baay’ee hojjete ammoo waan qabuun akka hin gowwoomfamne, baay’isuu akka qabu Hadiisni kun ni ibsa.
dabaltii