عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«السَّاعِي عَلَى الأَرْمَلَةِ وَالمِسْكِينِ، كَالْمُجَاهِدِ فِي سَبِيلِ اللَّهِ، أَوِ القَائِمِ اللَّيْلَ الصَّائِمِ النَّهَارَ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5661]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
“Namni dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi nama rakkate kunuunsu, akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuuti, ykn akka nama halkan dhaabatee guyyaa soomuuti.”
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5661]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Namni dantaa/faayidaa dubartii abbaan manaa ishee du’ee fi nama dhimma ishee eegu hin qabne, akkasumas hiyyeessaa fi rakkataa kunuunsu mindaa Rabbii ol ta’e biratti herregataa haala ta'een, inni akka nama karaa Rabbii irratti qabsaayuu ykn akka nama salaata tahajjudaa dhaabbatee hin dadhabnee, akka nama soomu Kan sooma hin hiikneeti jechuudha himan.