عَنِ العَبَّاسِ بْنِ عَبْدِ الْمُطَّلِبِ رَضيَ اللهُ عنهُ قَالَ:
قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ، عَلِّمْنِي شَيْئًا أَسْأَلُهُ اللَّهَ عَزَّ وَجَلَّ. قَالَ: «سَلِ اللَّهَ العَافِيَةَ»، فَمَكَثْتُ أَيَّامًا ثُمَّ جِئْتُ فَقُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ، عَلِّمْنِي شَيْئًا أَسْأَلُهُ اللَّهَ. فَقَالَ لِي: «يَا عَبَّاسُ، يَا عَمَّ رَسُولِ اللهِ، سَلِ اللَّهَ العَافِيَةَ فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ».
[صحيح لغيره] - [رواه الترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 3514]
المزيــد ...
Abbaas ibnu Aabdulmuxxalib irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
yaa Ergamaa Rabbii waan tokko kan ani Rabbii ol ta'een kadhu na barsiisi. Ergamaanis ni jedhani: «Fayyummaa Rabbiin kadhu», guyyaa hanga ta'e tureen, eegasii ammas dhufee akkas jedheen: yaa Ergamaa Rabbii waan tokko kan ani Rabbiin kadhu na barsiisi. Ergamaanis naan jedhani: «yaa Abbaas yaa abbeeraa ergamaa Rabbii, duuniyaa fi Aakhiratti fayyummaa Rabbiin kadhu».
[kanbirootiin sahiiha] - [tirmiziifii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 3514]
Abbeeraan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abbaas ibnu Abdulmuxxalib -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin akka du'aa'ii inni ittiin Rabbiin kadhatu isa barsiisanu isaan irraa barbaade, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fayyaa akka Rabbiin kadhatuu fi aakhiraa fi duuniyaatti balaa fi hirdhina irra akka najaa baasu akka kadhatu isa barsiisani, Abbaasis ni jedhe: booda guyyoota wohiitii ammas yeroo lammataaf itti deebi'ee du'aa'iin Rabbiin kadhu akka na barsiisaniif isaan gaafadhe, isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala jaalala isaaf agarsiisaniin akks jedhani: yaa Abbaas, yaa abbeeraa ergamaa Rabbii, fayyummaa Rabbiin kadhu, hamaa hunda deebisuu fi toltuu hunda fiduuf akkasuma duuniyaa fi Aakhiraatti faaydaa argachuuf isa kadhu.