+ -

عن أبي بكرة رضي الله عنه قال: قال النبي صلى الله عليه وسلم:
«‌أَلَا ‌أُنَبِّئُكُمْ بِأَكْبَرِ الْكَبَائِرِ؟» ثَلَاثًا، قَالُوا: بَلَى يَا رَسُولَ اللهِ، قَالَ: «الْإِشْرَاكُ بِاللهِ، وَعُقُوقُ الْوَالِدَيْنِ» وَجَلَسَ وَكَانَ مُتَّكِئًا، فَقَالَ: «أَلَا وَقَوْلُ الزُّورِ»، قَالَ: فَمَا زَالَ يُكَرِّرُهَا حَتَّى قُلْنَا: لَيْتَهُ سَكَتَ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2654]
المزيــد ...

Abii Bakraa irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas naan jedhani:
“Dammaqaa! cubbuu gurguddaa isiniif himuu?” Yeroo sadii akkana jedhan, Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii nuuf himaa, ni jedhan: "Allahitti sharraksiisuu fi hadhaa abbaaf galata dhabuu" irkatanii turanii ol jedhanii taa'anii akkana jedhan: "Dammaqaa, ammaas Haasaa sobaati", ni jedhe: Osoo callisanii hanga nuti jennutti isii deddeebisuu irraa hin deemne.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2654]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waa’ee dilii gurguddaa sahaabota isaanitti himani, waa sadan kana eeraniiru:
1.Allaahitti Sharraksiisuu: innis gosoolee ibaadaa keessaa gosa kamiyyuu Allaahin alatti kan biraaf kennuudha, akkasumas gabbartii, gooftummaa, maqoolee fi sifoowwan Isaa keessatti Allaahitti waan biraa qixxeessuudha.
2. Haadhaa fi Abbaaf galata dhabuudha: Kunis Miidhaa kamiiyyuu Dubbiidhaanis ta’e gochaan qaqqabsiisuudha, akkasumas gara laafessa isaaniif ta’uu dhiisuudha.
3. Ragaa sobaa dabalatee jecha sobaati: Kunis hunduma jecha sobaa fi kijibaa kan namicha irratti jedhame horii isaa fuudhun ykn kabajaa isaa balleessuun daangaa irratti darbuun ykn kan sana faakkaatuun isa miidhuun itti yaadameedha.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha sobaa irraa sodaachisuu dhugumatti itti deddeebi’anii dubbaatani, fokkina isaati fi dhiibbaa badii kan inni hawaasa irratti qabu akeekkachiisuuf jecha, hanga sahaabonni isaanii akkana jedhan takkatti: silaa osoo ofirraa callisanii; isaanif dhiphachuu fi isaan rakkisuu sodaaf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Cubbuun guddaan shirkii dha; sababni isaas cubbuu hunda caalaa hamaa fi guddaa waan ta’eef jecha, kana kan mirkaneessu jecha Rabbii ol ta’eeti: {Dhugumatti Rabbiin wanni biraa Isatti qindeeffamuu hin araaramu, waan sanaa gadii nama fedheef ni dhiisa}.
  2. Haqni haadha fi Abbaa guddaa ta'uudha; sababni isaas waan haqni isaan lamaanii haqa Rabbii ol ta'etti qindaa'ee dhufeef jecha.
  3. Cubbuun cubbuu gurguddaa fi xixiqqaa jedhamee kan qoodamu yoo ta’u, cubbuun gurguddaan immoo: hunda dilii isa keessa adabbiin biyya duniyaa akka haddii fi abaarsaa, ykn doorsisa aakhiraa kan akka doorsisa Jahannam seenuu jiruudha, cubbuun gurguddaan sadarkaa sadarkaan jira, gariin isii haraamummaa keessatti garirra cimaadha, cubbuun xixiqqoon immoo waan cubbuu gurguddaan alatti jiruudha.