+ -

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤْمِنِينَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا أَنَّهَا قَالَتْ:
يَا رَسُولَ اللَّهِ، نَرَى الجِهَادَ أَفْضَلَ العَمَلِ، أَفَلاَ نُجَاهِدُ؟ قَالَ: «لَا، لَكُنَّ أَفْضَلُ الجِهَادِ: حَجٌّ مَبْرُورٌ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 1520]
المزيــد ...

Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu, akkas jette:
Yaa Ergamaa Rabbii, jihaadni irra caalaa hojii ta'uudha agarra, niti jihaada hin goonuu? isaanis akkana jedhan: «Lakkii, garuu irra caalaan jihaadaa: Hajjii qulqulluudha».

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 1520]

Ibsaa

Sahaabaan - Rabbiin irraa haa jaallatu-, Rabbiif jecha jihaada fi diinan loluu irra caalaa hojiilee ta'utti kan ilaalan ta'an, Kanaaf Aa'ishaan Rabbiin irraa haa jaallatu dubartoonni akka jihaada godhan nabiyyii -nagaa fi rahmanni irraa haa jiraatu- gaafatte?
Isaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartoota ilaalchisee gara irra caalaa jihaadatti isaan qajeelchan, innis Hajji qulqulluu Qur’aanaa fi Sunnaan wal simatuu kan cubbuu fi na argii irraa bilisa ta’eedha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Jihaada gochuun dhiirotaaf irra caalaa hojiilee akka ta'eedha.
  2. Dubartootaaf Hajjii gochuun jihaada irra caala, inni isaanif irra caalaa hojiilee keessaa isa tokko.
  3. Hojiileen akka hojjetaatin wal caaltiidha, garaagarummaas qabaatti.
  4. Hajjiin jihaada wanti jedhameef qabsoo lubbuu ofii waliin gadhan waan ta'eef jecha, akkasumas qabeenya fi qaama aarsaa gochuu waan of keessaa qabuuf jecha, waan of keessaa qabuuf, kanaaf inni akkuma karaa Rabbii keessatti qabsaa'utti ibaadaa qaamaa fi qabeenyaati.