+ -

عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما قَالَ:
قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لِامْرَأَةٍ مِنَ الْأَنْصَارِ سَمَّاهَا ابْنُ عَبَّاسٍ فَنَسِيتُ اسْمَهَا: «مَا مَنَعَكِ أَنْ تَحُجِّي مَعَنَا؟» قَالَتْ: لَمْ يَكُنْ لَنَا إِلَّا نَاضِحَانِ فَحَجَّ أَبُو وَلَدِهَا وَابْنُهَا عَلَى نَاضِحٍ وَتَرَكَ لَنَا نَاضِحًا نَنْضِحُ عَلَيْهِ، قَالَ: «فَإِذَا جَاءَ رَمَضَانُ فَاعْتَمِرِي، فَإِنَّ عُمْرَةً فِيهِ تَعْدِلُ حَجَّةً».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 1256]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartii warra Ansaaraa irraa taate tan Ibnu Abbaas maqaa isii dhawee, ani maqaa ishee dagadheen akkas jedhan: "Maaltu nu waliin hajjuu si dhoorge?" Isheenis akkana jette: Gaala waraabbii lama qofa qabna turre, abbaan ilma ishee fi ilmi ishee gaala tokkoon hajjii godhanii, Gaala tokko ammoo akka bishaan ittiin waraabbannuuf nuuf dhiise, isaanis akkas jedhaniin: «yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 1256]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahamanni irra haa jiraatu- Hajjii dhaamannaa irraa yeroo deebi’an, dubartii warra Ansaaraa tan hajjii hin godhin wahiitiin akkana jedhan: Maaltu nu waliin hajjuu si dhoorge?
Gaala lama kan qaban yoo ta'u, abbaan manaa ishee fi ilmi ishee tokko irratti hajjii godhanii, isa kaan immoo Eela irraa bishaan akka ittiin waraabbataniif kan isaanif dhiise ta'uun rakkoo himatte.
Nabiyyiin -nagayaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- ji’a Ramadaanaa keessa umraa gochuun mindaa Hajjii waliin wal qixa ta’uu itti himan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa Umraa baatii Ramadaanaa keessatti raawwachuun qabuudha.
  2. Umraan Ramadaana keessatti raawwatamu mindaa keessatti Hajjitti qixxoofti malee dirqama hajjii nama irraa hin kuffisu.
  3. Mindaan hojiilee sadarkaaan yeroo dabaluun akka dabaluudha, san keessaa dalagaa baatii Ramadaanaa keessatti dalagamuudha.