عن أبي هريرة رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«كَلِمَتَانِ خَفِيفَتَانِ عَلَى اللِّسَانِ، ثَقِيلَتَانِ فِي الْمِيزَانِ، حَبِيبَتَانِ إِلَى الرَّحْمَنِ: سُبْحَانَ اللهِ الْعَظِيمِ، سُبْحَانَ اللهِ وَبِحَمْدِهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6406]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Jechoota lama kan arraba irratti laafoo ta'an, miizaana irratti ulfaatoo ta'an, Rahmaaniin biratti jaallatamoo ta'an: Subhaanallaahil Aziim, Subhaanallaahi wa bihamdih".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6406]

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechoota lama kan ilmi namaa rakkoo tokko malee haala kamuu keessatti isaan dubbachuu akka danda'u, mindaan isaanii immoo miizaana irratti dhugumatti guddaa akka ta'ee fi Rabbiin keenya Rahmaan kan isaan jaallatu ta'uudha himan.
Subhaanallaahi al-aziimii fi subhaanallaahi wa bihamdihii jechuudha, Rabbiin guddinaa fi guutummaan wassafuu fi hirdhina irraa Isa qulqulleessuu waan of keesssatti qabataniif jechaadha.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Irra jabaan zikrii Rabbiin qulqulleessuu fi Isa faarsuun isa keessatti walitti qabamuudha.
  2. Bal'ina rahmata Rabbiin gabroota Isaatiif qabu ibsuudha, Inni hojii muraasa irratti mindaa guddaa namaaf deebisa.
Hiikkaawwan dhiheessuu
Afaan: الإنجليزية الأوردية الإسبانية Dabalata (68)