عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُؤْمِنٍ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ الدُّنْيَا نَفَّسَ اللهُ عَنْهُ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ يَوْمِ الْقِيَامَةِ، وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ يَسَّرَ اللهُ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَمَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ اللهُ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَاللهُ فِي عَوْنِ الْعَبْدِ مَا كَانَ الْعَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهِ، وَمَنْ سَلَكَ طَرِيقًا يَلْتَمِسُ فِيهِ عِلْمًا سَهَّلَ اللهُ لَهُ بِهِ طَرِيقًا إِلَى الْجَنَّةِ، وَمَا اجْتَمَعَ قَوْمٌ فِي بَيْتٍ مِنْ بُيُوتِ اللهِ يَتْلُونَ كِتَابَ اللهِ وَيَتَدَارَسُونَهُ بَيْنَهُمْ إِلَّا نَزَلَتْ عَلَيْهِمِ السَّكِينَةُ، وَغَشِيَتْهُمُ الرَّحْمَةُ، وَحَفَّتْهُمُ الْمَلَائِكَةُ، وَذَكَرَهُمُ اللهُ فِيمَنْ عِنْدَهُ، وَمَنْ بَطَّأَ بِهِ عَمَلُهُ لَمْ يُسْرِعْ بِهِ نَسَبُهُ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2699]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
"Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura, nama nama rakkatetti laaffise Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa, nama muslima tokko sattare Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isa sattara, hanga garbichi obboleessa isaa gargaaruu irra jiraatetti Rabbiinis gargaarsa garbicha isaa irra jira, beekumsa barbaachaaf jecha nama karaa bu'e Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa, hawaasni tokko kitaaba Rabbii qara'uu fi gidduu isaaniitti wol barsiisuuf jecha manneen Rabbii keessaa mana tokkotti wolitti qabamaniiru taanan hanga tasgabbiin isaan irratti bu'ee, rahmanni isaan haguugee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isa bira jiranu biratti isaan dubbatu malee hin hafu, nama hojiin isaa booda isa aanse firri isaa isa ariifachiisuu hin danda'u".
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2699]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan muslimaa Rabbiin biratti fakkaataa waan muslmni muslimootaa waliin hojjatuutiin akka ta'e ibsani; namni mu'umina afuura fudhachiisee, furmaata isaa buusee rakkoo fi hammeenya duuniyaa isa irraa deemsisee isa irraa kaase, Rabbiin rakkinoota guyyaa qiyaamaa irraa rakkina tokko isa irraa furuun isa mindeessa. Namni rakkataatti laaffisee isatti salphisee rakkina isa irraa deemsise, Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa. Mucucaa fi badii irraa waan isa ifa baasuun hin barbaachifne namni muslima tokko irratti argee isa isaaf dhokse, Rabbiin duuniyaa fi Akiraatti isaaf dhoksa. Hanga garbichi obboleessa isaa bu'aa isaa diinii fi duuniyaa keessatti gargaaruuf bobba'eera ta'etti, Rabbiin garbicha isaatiif gargaaraa ta'aaf, gargaarsi du'aa'ii, qaama, qabeenyaa fi waan birootiin ta'a. Haala deemsa isaatiin fuula Rabbii ol ta'ee barbaadeen namni beekumsa shari'aa argachuuf deeme; Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa. Namoonni wohii manneen Rabbii keessaa mana tokko keessatti wolitti qabamanii, Qur'aana Rabbii kan dubbisanuu fi gidduu isaaniitti kan wol barsiisanu yoo ta'an, tasgabbiinii fi bilchinni isaanitti bu'ee, rahmanni Rabbii isaan haguugee wol isaan ga'ee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isatti dhihoo isa bira jiranu biratti isaan faarsu malee hin hafu, kabajaaf Rabbiin garbicha isaa qaama olaanaa biratti isa dubbachuun ga'aadha. Namni hojiin isaa hir'uu ta'e, maatiin isaa sadarkaa worra hojii guutuu hojjataniitti isa hin qaqqabsiisu, kanaafuu kabajaa gosaa fi sadarkaa abbootii isaatti hirkatee hojii keessatti gabaabbachuu dhabuutu barbaachisa.