عَنْ أُمِّ المُؤْمِنِينَ أُمِّ عَبْدِ اللَّهِ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا، قَالَتْ: قَالَ: رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّم:
«مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنْهُ فَهُوَ رَدٌّ».
وَفِي رِوَايَةٍ لِمُسْلِمٍ: «مَنْ عَمِلَ عَمَلًا لَيْسَ عَلَيْهِ أَمْرُنَا فَهُوَ رَدٌّ».
[صحيح] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية: 5]
المزيــد ...
Haadha Mu'umintootaa kan taate Ummu Abdullaah Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jallatu- ni jette: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifmaadha (fudhatama hin qabu».
[sirrii] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية - 5]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni amantii kana keessatti waa kalaqe ykn waan Qur’aanaa fi Hadiisa irraa ragaa hin qabne hojjate inni abbuma hojjate san irratti akka deebifamuu fi Rabbiin biratti fudhatama akka hin qabne ibsan.