+ -

عن أَبي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه:
أنه كَانَ يُكَبِّرُ فِي كُلِّ صَلَاةٍ مِنَ الْمَكْتُوبَةِ وَغَيْرِهَا، فِي رَمَضَانَ وَغَيْرِهِ، فَيُكَبِّرُ حِينَ يَقُومُ، ثُمَّ يُكَبِّرُ حِينَ يَرْكَعُ، ثُمَّ يَقُولُ: سَمِعَ اللهُ لِمَنْ حَمِدَهُ، ثُمَّ يَقُولُ: رَبَّنَا وَلَكَ الْحَمْدُ، قَبْلَ أَنْ يَسْجُدَ، ثُمَّ يَقُولُ: اللهُ أَكْبَرُ حِينَ يَهْوِي سَاجِدًا، ثُمَّ يُكَبِّرُ حِينَ يَرْفَعُ رَأْسَهُ مِنَ السُّجُودِ، ثُمَّ يُكَبِّرُ حِينَ يَسْجُدُ، ثُمَّ يُكَبِّرُ حِينَ يَرْفَعُ رَأْسَهُ مِنَ السُّجُودِ، ثُمَّ يُكَبِّرُ حِينَ يَقُومُ مِنَ الْجُلُوسِ فِي الِاثْنَتَيْنِ، وَيَفْعَلُ ذَلِكَ فِي كُلِّ رَكْعَةٍ، حَتَّى يَفْرُغَ مِنَ الصَّلَاةِ، ثُمَّ يَقُولُ حِينَ يَنْصَرِفُ: وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ، إِنِّي لَأَقْرَبُكُمْ شَبَهًا بِصَلَاةِ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، إِنْ كَانَتْ هَذِهِ لَصَلَاتَهُ حَتَّى فَارَقَ الدُّنْيَا.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 803]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu:
Inni Salaata dirqamaa fi kan biroo hunda keessatti Allaahu akbar kan jedhu ta’e, Ramadaanaa fi yeroo biraatis, yeroo dhaabbatu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo jilba qabatus Allaahu Akbar jedha, ergasii Sami'allaahu Liman Hamidah jedha, jechuunis Rabbiin nama Isa faarsef ni dhagahe jechuudha jechuudha, Ergasii osoo sujuuda hin godhin akkana jedha: Rabbanaa waLakal Hamd, Jechuunis: Yaa Rabbii keenya ammas faaruun sima qofaafi jechuudha, Ergasii yeroo sujuudaf bu'u akkana jedha: Allaahu Akbar, Ergasii yeroo sujuuda irraa mataa isaa ol kaasu Allahu Akbar jedha, Ergasii yeroo sujuudu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo sujuuda irraa mataa isaa ol kaasu Allaahu Akbar jedha, ergasii yeroo taa'insa raka'aa lamaa irraa ol ka'e Allaahu Akbar jedha, Hanga salaata xumurutti raka’aa hunda keessatti kana ni godha. Ergasii yeroo salaata xumuree irraa garagalee akkana jedha: Isa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadha, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, salaanni isaanii akkana turte hanga addunyaa tana gad dhiisanii deemanitti.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 803]

Ibsaa

Abuu Hureyraan Rabbiin irraa haa jaallatuu ibsa salaata Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- keessaa hanga tokko ni odeessa,Yeroo salaatuuf ka’u takbiiraa hidhannaa Allaahu Akbar akka jedhu ni hima, Ergasii yeroo jilba qabatuuf deemu, yeroo sujuuda godhu, yeroo sujuuda irraa ol jedhu, yeroo sujuuda lammaffaa godhu, yeroo irraa ol jedhuu fi salaata raka'aa sadii ykn afurii keessatti erga taa'insa tashahhuda duraatii raka'aa lamaan duraa irraa yeroo ol ka'u Allaahu Akbar ni jedha, salaata guutuu hanga xumurutti kana ni godha. Yeroo dugda isaa jilba qabachuu irraa ol kaasu akkana jedha: Sami'allaahu Liman Hamidah, jechuunis: Rabbiin nama isa faarsef ni dhagaha jechuudha, ergasii yeroo ol jedhee dhaabbatu akkana jedha: Rabbanaa waLakal Hamd, jechuunis: Yaa Gooftaa keenya ammas faaruun sima qofaafi.
Ergasii Abuu Hureyraan yeroo salaata xumuru akkana jedha: Isaa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadhe, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, hanga addunyaa tana dhiisanii deemanitti kun akkaataa salaata isaanii ture.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Takbiiraan yeroo gadi jedhuu fi ol jedhu hundatti jedhamaadha. Yeroo Jilba qabachuu irraa ol jedhu malee, Haala kana keessatti akkana jedha: Sami’allaahu Liman Hamidah, jechuunis: Rabbiin nama Isa faarsef dhaga’e jechuudha.
  2. Sahaabaan Nabiyyiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hidhachuu fi sunnaa isaanii eeguu keessatti bolola guddaa akka qabaniidha.