عَنْ بُرَيْدَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ حَلَفَ بِالْأَمَانَةِ فَلَيْسَ مِنَّا».

[صحيح] - [رواه أبو داود وأحمد] - [سنن أبي داود: 3253]
المزيــد ...

Bureydaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni amaanaan kakate nu irraayii miti».

[sirrii] - [abuu daawudiifii ahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 3253]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- amaanaan kakachuu irraa dhoorganii akeekkachiisanii, namni akkas godhe nu irraayii miti jechuu himan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbiin malee waan biraatiin kakachuu haraama ta'uudha, sana keessaa: amaanaan kakachuudha, inni shirkii xiqqaa irraayi.
  2. Amaanaan, Rabbiif ajajamuu, Rabbiin gabbaruu, waa kaawwachuu, mallaqaa fi nageenya hammata.
  3. Kakuun kan fudhatama argatu Rabbii guddaan, ykn maqaa maqaawwan isaa irraa taheen, ykn sifa sifaawwan irraa tahe qofaan yoo ta'eedha.
  4. Khaxxaabiin akkana jedhe: Sababa Rabbiin ofii fi sifaawwan isaa qofaan akka kakatamu ajajeef amaanaan kakatuun jibbame, amaanaan ammoo sifaawwan Rabbii irraayii miti, isheen ajaja tokko kan ajajoowwan isaa dirqama tokko kan dirqamoowwan isaa irraa ta'eedha, waan gidduu amaanaa fi gidduu maqaalee fi sifaawwan Rabbii ol ta'ee walqixxeessuun argamuuf jecha amaanaan kakachuu irraa dhoorgaman.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (47)