عَنِ الْعَبَّاسِ بْنِ عَبْدِ الْمُطَّلِبِ رضي الله عنه أَنَّهُ سَمِعَ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، يَقُولُ:
«ذَاقَ طَعْمَ الْإِيمَانِ مَنْ رَضِيَ بِاللهِ رَبًّا، وَبِالْإِسْلَامِ دِينًا، وَبِمُحَمَّدٍ رَسُولًا».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 34]
المزيــد ...
Abbaas ibnu Abdulmuxxalib irraa akka odeeffametti -Rabbii isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'e:
«Namni Rabbiin Rabbuma isaa jaallate, islaama amantummaa isaa jaallate, Muhammadiin ergamummaa isaa jaallate mi'aa iimaan dhandame».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 34]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mu'uminni iimaana isaa kan qalbiin isaa isa irratti ragga'e keessatti dhugoomsaa ta'e, bal'ina, gammachuu, mi'aa iimaanaa fi Rabbitti dhihaachuu qalbii isaatiin akka argatuu fi ittis beekamu himani, wantoota sadeen kana kan jaallatu yoo ta'e:
Jalqaba: Rabbiin Rabbummaa isaa jaallate, waan Rabbiin irraa isatti dhufu, Rabbummaan isaa waan itti qajeelchu rizqii fi haalowwan qooduu irraa, qalbii isaa keessatti waan sana keessatti mormii tokkollee qalbii isaa keessatti arguu dhabuun, Rabbiin malee waan jiru Rabbummaa isaa kan hin barbaanne.
lammaffaan: islaama amantummaa isaa jaallate, waan islaamummaan of keessatti qabate, ajajootaa fi dirqamoota isa keessa jiruuf qomni isaa bal'achuudha, karaa islaama malee jiru kan hin deemne ta'ee.
sadaffaan: Muhammadiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ergamummaa isaa jaallachuudha, sun hunda waan isaan ittiin dhufan shakkii fi keessa deddeebii tokkoon malee qomni isaa isaaf bal'atee itti gammaduudha, adeemsa karaa isaaniitiin wol fudhatu malee hin deemu.