+ -

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ رضي الله عنهما قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِنَّ الْإِيمَانَ لَيَخْلَقُ فِي جَوْفِ أَحَدِكُمْ كَمَا يَخْلَقُ الثَّوْبُ الْخَلِقُ، فَاسْأَلُوا اللَّهَ أَنْ يُجَدِّدَ الْإِيمَانَ فِي قُلُوبِكُمْ».

[صحيح] - [رواه الحاكم والطبراني] - [المستدرك على الصحيحين: 5]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Amrii ilma Al-Aas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa".

[sirrii] - - [almustadrak alalssahiiheyni - 5]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka huccuun haaraa yeroo dheeraa fayyadamuu irrra kan ka'een moofa'uutti iimaanni qalbii muslimaa keessatti akka moofa'uu fi dadhabu himani. Sunis sababaa ibaadaa irraa dadhabuutiin, yookaan sababaa badiiwwan hojjachuu fi fedhii lubbuutiin liqimfamuutiini. Kanaafuu nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- iimaana keenya akka nuuf haaromsuuf Rabbiiin akka kadhannutti nu qajeelchani, sunis dirqamoota hojjachuu fi zikrii fi araarama kadhachuu heddummeessuun.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ragga'iinsa fi iimaana qalbii keessatti haaromsuu Rabbiin kadhachuutti kakaasuutu keessa jira.
  2. Iimaanni jecha, hojii fi aqiidaa qalbiitti hidhatan, Iimaanni ajaja (Rabbii guutuun) ni dabala, badii hojjachuun immoo ni hir'ata.