+ -

عَنْ أَنَسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ: لَأُحَدِّثَنَّكُمْ حَدِيثًا سَمِعْتُهُ مِنْ رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لاَ يُحَدِّثُكُمْ بِهِ أَحَدٌ غَيْرِي: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«إِنَّ مِنْ أَشْرَاطِ السَّاعَةِ أَنْ يُرْفَعَ العِلْمُ، وَيَكْثُرَ الجَهْلُ، وَيَكْثُرَ الزِّنَا، وَيَكْثُرَ شُرْبُ الخَمْرِ، وَيَقِلَّ الرِّجَالُ، وَيَكْثُرَ النِّسَاءُ حَتَّى يَكُونَ لِخَمْسِينَ امْرَأَةً القَيِّمُ الوَاحِدُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5231]
المزيــد ...

Anas irraa akk odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: hadiisa wohii kan ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaga'e kan ana malee namni kamuu isiniif odeessuu hin dandeenyen dhugumatti isiniif odeessa: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5231]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee dhaabbachuun qiyaamaan dhihaatuu keessaa beekumsi shari'aa kaafamuuu akka ta'e ibsani, sun immoo ulammoonni du'uudhaan ta'a. Bu'aan sanaa immoo wallaalummaan hedduumaatee faca'uu, sagaagalummaa fi wantoonni fokkatoon faca'uudha, akkasumas dhugaatii sammuu namaa adoochu dhuguun heddummaachuu, lakkoofsi dhiirotaa xiqqaatee lakooofsi dubartootaa heddummaachuudha; hanaga dubartii shantamaaf dhiirri tokko kan dhimmoota isaaniitiin dhaabbatuu fi kan faaydaawwan isaaniif itti gaafatamummaa fudhatu ta'utti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Garii mallattoolee qiyaamaa ifa galchuutu keessa jira.
  2. Beekumsi yeroo qiyaamaa wantoota dhokatoo Rabbiin beekumsa isii ofiif qofa taasise keessaati.
  3. Isa dhabuun duratti beekumsa shari'aa barachuutti kakaasuutu keessa jira.