عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«إِذَا مَاتَ الْإِنْسَانُ انْقَطَعَ عَنْهُ عَمَلُهُ إِلَّا مِنْ ثَلَاثَةٍ: إِلَّا مِنْ صَدَقَةٍ جَارِيَةٍ، أَوْ عِلْمٍ يُنْتَفَعُ بِهِ، أَوْ وَلَدٍ صَالِحٍ يَدْعُو لَهُ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1631]
المزيــد ...
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergmanaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Ilmi namaa yeroo du'e waa sadi malee hojiin isaa isa irraa cita: sadaqaa itti fuftuu taate malee, yookaan beekumsa namni itti fayyadamu malee, yookaan ilma gaarii du'aa'ii isaaf godhu malee».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1631]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin nama du'ee gaafa inni du'e irraa eegalee akka irraa citu himani, booda du'a isaatii wontoota sadeen kanaan yoo ta'e malee toltuun akka isaaf hin argamne himani; yeroo duuniyaa irra jirutti toltuu sanaaf sababa waan ta'eef jecha:
Inni jalqabaa: sadaqaa isii mindaan isii yaa'uu fi itti fufu, kan adda hin cinne, akka woqfii, masjiida ijaaruu, eela qotuu fi kanneen biroo.
Lammaffaan: beekumsa namoonni itti fayyadamanu, akka kitaabolee barnootaa barreessuu, yookaan nama wohii barsiisee jennaan, namni sun booda namni isa barsiise du'ee beekumsa sana facaasuufaati.
Sadaffaan: Ilmoo mu'uminaa gaarii haadhaa fi abbaa isaatii du'aa'ii godhu.