+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ:
أَنَّ أَعْرَابِيًّا أَتَى النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: دُلَّنِي عَلَى عَمَلٍ إِذَا عَمِلْتُهُ دَخَلْتُ الجَنَّةَ، قَالَ: «تَعْبُدُ اللَّهَ لاَ تُشْرِكُ بِهِ شَيْئًا، وَتُقِيمُ الصَّلاَةَ المَكْتُوبَةَ، وَتُؤَدِّي الزَّكَاةَ المَفْرُوضَةَ، وَتَصُومُ رَمَضَانَ» قَالَ: وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ لاَ أَزِيدُ عَلَى هَذَا، فَلَمَّا وَلَّى قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «مَنْ سَرَّهُ أَنْ يَنْظُرَ إِلَى رَجُلٍ مِنْ أَهْلِ الجَنَّةِ، فَلْيَنْظُرْ إِلَى هَذَا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1397]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee Rabbiin isa irraa haa jaallatu:
Namni baadiyyaa tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee akkas jedheen: Hojiin yeroo isa hojjadhe jannata itti seenutti na qajeelchi, Isaanis akkana jedhan: "osoo waan biraa Isaatti hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata dhaabda, zakaa dirqamaa ni kennita, Ramadaana ni soomta" namichis akkas jedhe: Isa lubbuun kiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadhee kana irratti homaa hin dabalu, sana booda yeroo namichi deemuuf achi garagale Nabiyyiin -nagaa fi rahmanii isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhani: "Namni gara namicha wahii kan warra jannataa irraa ta'e ilaaluun isa gammachiise gara namicha kanaa haa ilaaluu".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1397]

Ibsaa

Namichi warra baadiyyaa irraa ta'e wahii hojii jannata isa seensisu irratti akka isa qajeelchaniif jecha Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni dhufe, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- jannata seenuu fi ibidda irraa baraaramuun utubaawwan Islaamaa raawwachuu irratti kan dhaabbatu ta'uudha isaaf himani, isaanis osoo Isatti homaa hin daballe Rabbiin qofa gabbaruudha. Salaata shanan Rabbiin guyyaa fi halkan hunda keessatti gabroota Isaa irratti isii dirqama taasise salaatuudha. Zakaa qabeenyaa kan Rabbiin isii sirratti dirqama taasise warra isii haqa godhatuuf kennuudha. Sooma ji'a Ramadaanaa yeroo isaa eeggattee soomuudha. Namichi sana booda ni jedhe: Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee hojii dirqamaa kanan isa sirraa dhagahe irratti kheyrii adda addaa irraa homaa hin dabalu, irraas hin hirdhisu. Yeroo namichi deemuuf achi garagaletti Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhani: Namni gara namicha wahii kan warra jannataa irraa ta'e ilaaluun isa gammachiise gara namicha baadiyyaa kana haa ilaaluu.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gabbartiin Rabbii ol ta'e tokkochoomsuun dura waan gara Rabbiitti waamuu keessatti isaan eegalamuuti.
  2. Warra Islaamummaaf haaraa ta’an dirqamoota isaan barsiisuu irratti gabaabbachuudha.
  3. Gara Rabbiitti waamuun sadarkaa sadarkaan ta’uudha qaba.
  4. Waaʼee amantaa isaa barachuu irratti bolola namichi qabuudha.
  5. Muslimni tokko dirqamoota qofa irratti yoo of daangeesse ni milkaa’a, garuu kun hojiilee sunnaa keessatti dantaa dhabuu irratti nama hin qajeelchu; sababni isaas sunnaadhaan hanqinni waajiba keessatti argamu waan guutamuuf jecha.
  6. Garii ibaadaa dubbachuun barbaachisummaa fi itti nama kakaasuu irratti nama qajeelcha, kana jechuun inni hafe dirqamaa miti jechuudhaa miti.